Artisti Lammaa Guyyaa: Fakkiin jireenya dhaloota darbee, kan ammaafi fulduraa agarsiisa

Dubartii Birrii kudhan irratti argamtu

Waldaan Faayin-Aartii Oromoo agarsiisa fakkiilee garagaraa kan ji'a tokkoof turu Giddu-gala Aadaa Oromoo keessatti agarsiisaa jira. Egzihbiishinnin kun mata-duree" Daandii Nageenyaa' jedhuun kan qophaa'e.

Dura Taa'aan Waldaa Faayin Aartii Oromiyaa, Artist Girmaa Bultii, agarsiisa fakkii kanarratti artistoonni Oromoo buleeyyiifi dargaggoonni 40 hojiisaanii dhiheessaniiru jedhu.

Artistiin tokko fakkii sadii kan dhiheesse yoo ta'u waliigala fakkiiwwan 120tu dhihaate.

Fakkiiwwan agarsiisaaf Galma Giddu-gala Aadaa Oromootti dhiyaatan keessaa

Namoota hojii isaanii agarsiisa kanarratti dhiheessan keessaa Doktarri kabajaa, Artisti Lammaa Guyyaa isaan tokko.

Isaanis hojiin aartii fakkii jireenya dhaloota darbee, kana amma jiruufi kan dhaloota boruu kan ittin ibsamudha jedhu.

Dhalonni kunis ergaa fakkiiwwan kanneenin ibsamuuf yaalamee hubachuun nagaana biyyaafi uummataa akka eegamuuf imaanaa abbootarraa dhaalan galmaan gahuu qabuu jedhu.

Fakkiiwwan agarsiisaaf Galma Giddu-gala Aadaa Oromootti dhiyaatan keessaa

Ilmi isaanii Daawwit Lammaa Guyyaas, egzibiishinii fakkii kanaratti fakkiiwwan ogummaa aartiii abbaasaa irraa dhaaleen kaase dhiheeffateera.

Egzihbiishinii Fakkii Giddu Gala Aadaa Oromootti qophaa'e namoota muraasa qofatu daawwachaa jira.

MM Abiyyi Ahimad fi Lammaa Magarsaa

Egzibiishinii Fakkii Giddu-gala Aadaa Oromootti agarsiifamaa jiru kanaratti fakkiiwwan daran hawwatoo tahan kan eenyummaa Oromoo mulisan jiraatanis hanqina daawwataa akka qabu hubatameera.

Fakkiiwwan agarsiisaaf Galma Giddu-gala Aadaa Oromootti dhiyaatan keessaa

Dargaggoo Mohammadd Amaan Guddataa namoota agarsiisa kana daawwachuuf Sabbataa irraa dhufe.

Innis fakkiiwwan kunneen qabsoo ummataa, aadaafi araaraa irratti xiyyeefate hedduu akka isa hawwate hima.

Ta'us hojiin agarsiisa kana beeksisuuf hojjetame gahaa waan hin taaneef namni hedduun daawwachuu dhabuuf sababa jedha.

Fakkiiwwan agarsiisaaf Galma Giddu-gala Aadaa Orom

Seensa Giddu-gala aadaa irrattiyyuu poolisonni agarsiisa fakkiin ilaaluu dhufe jennaan 'har'a homtuun jiru deebi'i' naan jedhan.

Kana jechuun nama alaa dhufu dhiisiitii wardiyyaan giddu-galichaayyuu odeeffannoo kana hin qabu jechuudha jedha, dargaggoo Mohammad.

Fakkiiwwan agarsiisaaf Galma Giddu-gala Aadaa Orom

Oromoon waan ofiitiif xiyyeefannaa kennuu qabaas jedhe.

Hojii gaarii kana ummanni akka dhufee ilaaluuf gama miidiyaatin hojiin beeksisuu hojjetamus gahaa akka hin turre himan dura taa'aan waldaa Faayin-Aartii Oromoo Artist Girmaan.

Fakkiiwwan agarsiisaaf Galma Giddu-gala Aadaa Orom

Ummanni Oromoo Magaalaa Finfinneefi Naannawashees egzibiishinii Fakkii ji'a tokkoof turu kana Giddu-gala Aadaa Oromootti dhufee bilisaan daawwachuun hojii keenya jajjabeessuu qabas jedhu.

Fakkiiwwan agarsiisaaf Galma Giddu-gala Aadaa Orom

Fakkiiwwan kunneenis yaadrimeewwan nageenyaa, araara, sirna Gadaafi dhimmoota hawaasummaa Ummata Oromoo ibsantu agarsiifamaa jira.

Fakkiiwwan agarsiisaaf Galma Giddu-gala Aadaa Orom

Madda suuraa, AFP

String art