Magaalaa US damee poolisii diiguun kan ummataaf gaachana jette akka haaraatti ijaarte

Caamsaa 25, bara 2020 erga namni gurraachi Joorji Filooyid jedhamu Ameerikaa keessatti poolisii adii biyyattiitiin haala suukanneessaa ta'een ajjeefamee as jijjiiramoonni gurguddoon Ameerikaafi Addunyaarratti dhalataniiru.
Hiriira mormiitii hanga siidaa gameeyyii warri adii leellisan barbadeessuu bira darbees hanga caasaa poolisii jijjiiruutti deemameera.
Ameerikaa keessatti iddoo ajjeechaan nama gurraacha Joorji Filooyid itti raawwate Minisootaa keessatti gaaffiin caasaa poolisii duraan ture jijjiiruu eegalame.
Bulchiinsi Minisootaas gaaffiin kun sirrii ta'uu fudhatee hojiirra oolchuuf waadaa gale.
Dubbiin damee poolisii haaressuun caasaa biraa hundeessuu kun akka guutuu Ameerikaatti akka ta'uu qabu Pirezidaanti Doonaald Tiraampis irratti walii galaniiru.
Ameerikaa naannawa Kaamden, Niiw Jeersii keessatti rifoormiin damee poolisii hojiirra ooleera.
Kaamden kutaalee Ameerikaa yakkaan beekamtuufi poolisiin garmalee hiraarsaa ture keessaa adda durummaan eeramti.
Poolisiin gocha hammeenyaa raawwachaa tureen hawaasa keessatti akka diinaatti ilaalamaa ture kan jedhan qondaaltonni poolisii Kaamden amma caasaa poolisii qaama hawaasaa ta'e ijaarra jedhan.
Kaayyoon poolisii gaachana uummataa ta'ee hawaasa tajaajiluudha malee waraana uummatarratti banuu akka hin taane amana poolisiin Kaamden.
Magaalaan Niiw Jeersii waggoota 50 booda yakka hammaataa ishee mudataa ture keessaa suuta suutaan ba'aa jirtis jedhu qondaalli Poolisii Kaamden Zsakhiem James.
''Adeemsaa fi tooftaa ittiin seera kabachiisnu jijjiiruu qabna. Akkuma argineen bakkuma arginetti nama hidhuu hin dandeenyu.'' jedhan.
Kutaan Kaamden bara 2012 Ameerikaa keessatti yakkaan baay'ee beekamtee turte, waggaa saddeet booda garuu fooyya'iinsa agarsiisaa jirti. Rakkoon kun malaammaltummaa poolisiin raawwatu irraa madda. Kanaaf damee poolisii fooyyeessuuf murteessine'' jedhu qondaalli poolisii kun.
Poolisiin humnaan tarkaanfii fudhachuurra tasgabbii uumee hawaasa waliin mari'atee qaama rakkoo furu ta'uu akka qabu murteessineerra jedhan.
''Kophaatti of baasuu osoo hin taane hawaasaafi dhaabbilee biroo waliin hariiroo gaarii cimsinee hojjechuu qabna.''
Poolisiin Niiw Jeersii nama jijjiire osoo hin taane aadaa hojii poolisii jijjiire.
Wayita hiriira mormii uummataas poolisoonni naannoo kanaa hawaasa waliin ta'aa turan.
Kanaafis hawaasa biraa ajaayibsiifannaafi jaalala horataniiru.
Poolisiin hawaasaa kan hawaasaaf gaachanu ta'uu malee kan hawaasatti roorrisu miti jedhu qondaalli poolisii Kaamden.














