Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Tatamsa'ina Covid-19 ittisuuf walirraa fageenyi meetira lamaa gadii bu’aa qabeessa ta’aa?
Tatamsa'ina koronaavaayirasii ittisuudhaaf seerri walirraa fageenyi namoota jidduu jiru meetira lamaa akka hojiirra oolu kan ajajan MM UK Booriis Joonsan.
Seera isaan akka hojiirra ooluuf ajaja kennan kana miseensonni paarlaamaasaanii garuu hedduu qeeqaniiru.
Saayinsiin maal jedha?
Deebiin ifa ta’e, namootatti hamma dhiyaataniin carraan vaayirasichaan qabamuu keessanis akkasuma dabala jedha.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa yoo xiqqaatee meetira tokko wal irraa fagaadhaa jedha.
Biyyoonni muraasa seera WHO’n hojiirra oolchaniiru.
Biyyoonni muraasaa ammoo fageenya sanaa ol eegaa jedhaniiru:
- Fageenya meetira tokkoo – Chaayinaa, Deenmaark, Firaans, Hoon Koon, Liitaaniyaa, Siingaapoor
- Meetira 1.4 – Kooriyaa Kibbaa
- Meetira 1.5 – Awustiraaliyaa, Beeljiyeem, Jarman, Giriik, Xaaliyaan, Neezarlaandis, Poorchugaal
- Meetira 1.8 - US
- Meetira 2 – Kaanaadaa, Ispeen, UK
Qarannoon dhiheenya taasifame maal jedha?
Qorattoonni akka jedhanitti tatamsa’inna vaayirasichaarraa of eeguu yoo xiqqaate fageenya meetira tokkoo eeggachuun gaariidha jedhu.
Fageenya meetira tokkoorratti carraan vaayirasichaan qabamuu %13 yoo ta’u achii ol yoo ta’e immoo %3.
Dabalataanis fageenya san caalu hamma meetira sadii eeggachuu carraa qabamuu walakkaadhaan hir’isa.
Seerri fageenya eeggachuu jedhu eessaa dhufe?
Seerri kun 1930’oota keessa akka jalqabetu himama. Qorattoonni dhangala’aan yeroo qufaanuu yookiin haxxiffannu afaan keenyaa bahu saffisaan gara qilleensaatti makamu yookiin lafatti bu’a jedhan.
Dhangala’aan sunneenis fageenya meetira 1-2 irratti qubatu.
Sababa kanaaf kan yeroo namoonni qufa’an isaan irraa siqaa, wantoota isaan itti qufa’an tuquurraa of qusadhaa akkasumas fuula keessan hin tuqinaa jedhamuuf.
Piroofeesar Lidiyaa Booroo’ibaa Inistitiyuutii Teeknooloojii Maachaasuuseets irraa kaameraa fayyadamuudhaan dhangala’aan yeroo qufaanu hamma meetira 6’tti qilleensa keessatti argamuu danda’a ifa godhaniiru.
Akkasumas qorannoon Chaayinaa keessatti taasifame koronaavaayiras irraa of eeguuf fageenya hamma meetira afur qabaachuu gaariidha jedha.
Jiddu galli Ittisaa fi To’annaa Dhukkubaa Ameerikaa dhangala’aan sunneen vaayirasicha tamsaasuun isaanii “qabatamatti wanti beeku hin jiru” jedha.
Dabalataanis vaayirasiin kamuu meetira lamaa ol keessatti namoonni akka dhukkubaan qabaniif sababa ta’uusaa hamma ammaatii hin beekamu.
Xiyyeeffannaan fageenya qofa irratti miti
Yeroonsaa murteessaadha. Nama dhukkubichaan qabame waliin dhiheenyatti yeroo dheeraa dabarsitu taanaan carraa qabamuus akkasuma dabala.
Saayintistoonni mootummaa UK akka jedhanitti nama tokko waliin fageenya meetira tokkorratti seekondii jaha turuun fageenya meetira lamaarratti daqiiqaa tokkoof turuun waluma qixa jedhan.
Nama qufa’utti dhihaachuun saaxilamummaa haalan dabala.
Bakka namoonni itti baay’atanitti qilleensi gahaan akka jiraatuu gochuun gaariidha. Kutaan cufame carraa dhukkubichaan qabamuu dabala.
Kallattiin namni sun harganus murteessaadha – namni sun kallattiidhaan isinitti hargana yoo ta’ees carraa dhukkubichaan qabamuu keessanis ni dabala.
Qorattoonni Jaappan qorannoo taasisaniin namoota Covid-19 qabaman 110 irratti taasisanii carraan namootaa mana keessatti qabamuu isa alaa si’a 19’n caala.
Maaf deebiin gaaan hin jiraanne?
Eega weerarri koronaavaayiras addunyaarratti mudatee as ji’oota muraasa ta’us saayintistoonni waa’ee vaayirasichaa waan heddu beekaniiru.
Ta’us garuu hamma ammaatti namoota qabamaniin vaayirasiin hammamii akka gad dhiifamuu fi namoonni hammami fudhatanii akka dhukuubsatan hin beeknu.
Hammasiif of eeggannoo taasisuun barbaachisaadha. Yeroo san kan seerri fageenya eeggachuus laaffifamuu danda’u.