Koronaavaayiras: Ertiraan kan duraan turan bayyanatanii bilisa taatus namoonni haaraa 24 Covid-19n qabamuu beeksiifte

Ertiraatti kanaan dura namoonni koronaavaayirasiin irratti argamee ture hunduu bayyanatanii jennaan bilisa taatee turte.
Haata'u malee, qorannoo namoota yeroo turtii isaanii bakka itti adda baafamanii turan keessaa xumuranirratti gaggeefameen, namoonni 24 Covid-19n qabamusaanii mirkanaa'uu Miniteerri Fayyaa biyyattii kaleessa galgala beeksiiseera.
Ibsa fuula feesbuukii Ministeerichaarratti maxxanfameen akka ibsameetti, qorannoon saamudaa kunis namoota jiddugala turmaataa Adibaaraa kan godina Gaash Baarkaa, godina Fortoo Saawaatti argamu keessaa fudhatamedha.
Haaluma walfakkaatuun, baatiiwwan lamaan darban keessa lammiileen biyyattii 1,370 ta'aniin karaawwaan al-idileetiin Sudaan irraa biyyaatti deebi'an Adibaaraa keessa akka turan taasifamanii ture.
Isaan keessaa namoonni 117 waan yeroo turmaataasaanii xumuraniif akka bahan kan taasifame yoo ta'u, namoonni 1,253 ammalleen jiddugala adda baasuun keessa turamu keessatti argamu jedheera.
Sochii namootaa biyyattii guutuutti ugguramulleen, lammiileen baatiiwwan lamaan darban keessa 7,158 ta'an karaa lafoofi karaa galaanaatiin biyyoota akka Itoophiyaa, Sudaan, Jabuutiifi Yaman irraa gara biyyaatti deebii'aniiru.
Akka ibsa kanaatti, ammalleen namoonni 3,135 jiddugalawwan turtii 47 keessa biyyatti guutuutti argamuun beekameera.
Akka ibsa Ministeerichaa kanatti, qorannoo saamudaa darbee darbee taasifamuun alatti, akkuma adeemsa idileetti namni kamiyyuu qoratamuu kan qabaatu yoo ta'u, dursi garuu kanneen adda baafamuun jiddugalwwan keessatti argamaniif kennamas jedheera.
Walumaagalattis Eritiraatti namoonni Covid-19n qabamuun mirkanaa'ee 65 gaheera.
Kanneen keessayis 39n isaanii gutuummaatti bayyanachuun gara manasaanii kan deebii'an yoo ta'u, ammatti wallaansa argataa kan jiran 26 jechuun Ministeerri Fayyaa biyyatti beeksiiseera.

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras














