Ameerikaa: Ilmi Doonaald Tiraamp ‘adamoo bineensaaf $75,000 qisaasuun’ himatame

Madda suuraa, GETTY IMAGES
lmi angafaa Tiraamp, Tirampi Juuniyar, bara darbe adamoof Moongooliyaa deemee ture. Qofaasaa hin deemne. Ijoollee Tiraamp akaakayyuu ta'uuf dabalatee ture kan deeme. Ilmi Doonaald Tiraamp kun bineensa bosonaa tokko adamsee ajjeesuuf $75,000 balleesse.
Bineensi inni adamse kunis sanyiin isaa lafarraa baduuf jedhamee kan yaadda’amuufidha. Haata’u malee, adamseenii jira.
Akkamiin bineensa kana ajjeesuuf hayyama argate gaaffiin jedhu akkuma jirutti ta’ee, namni kun kaaznaa mootummaa keessaa qarshii luqqisee akka hin taanetti balleessaa jiraachuunsaa komii kaaseera.
Akka seera Ameerikaatti pirezidantiifi maatiin isaanii eegumsa addaatu taasifamaaf. Qaama seera kana hojiirra oolchuun ammoo baasiiwwan akkasiis ni kaffalamu.
Ilmi Tiraamp kun gammachuu ofiisaaf jecha adamoo yeroo ba’u hundatti qarshiin baasii ta’u hundi asumarraa kan kennamudha.
Dhimmicha namoonni qoratan akka jedhanitti, baasiin maatiin Tiraamp dhimmoota akkasiif baasan kan maatii Obaamaa harka 12 caala.
Haalli jireenyaa qaala’aa maatii Tiraamp kun qarshii lammiilee Ameerikaa duguugaa jira jedhamee qeeqamaa jira.
Maatiin Doonaald Tiraamp waggaatti yoo xiqqaate yeroo 1000’f biyyoota alaatti imalu. Kan Obaamaa garuu kanarra hedduu xiqqaa ture.
Dhaabbanni dhimmoota akkasii hordofuun gabaasu tokko akka jedhetti qarshiin taaksii lammiilee Ameerikaa haala akkasiin qisaasamaa jira yoo jedhu, hoji-raawwachiisan ilmaTiraamp maqaan isaa akka hin eeramne barbaadu tokko garuu ‘’Hagayya darbe baasiin ba’e jedhame kan eegumsaan ala qarshii ummataa miti, kan maatiiti’’ jechuun CNN’tti hime.
Ilmi isaanii kun akka pirezidantichaatti eegumsi addaa isa barbaachisuu baatus, inni nan barbaada jennaan ni kennamaaf.
Ilmi Tiraamp kun bineensa inni adamsu sanyii hoolaa kan ta’aniifi addunyaarratti baduuf jiru jedhamee kan yaadda’amuuf yoo ta’u, hayyama mootummaa Mongooliyaa irraa kan argate dhoksaadhaan akka ta’e himama.
Abbaan qabeenyaa dhaabbata boba’aa kan paartii Riippabliikaan deeggaruun beekaman tokko isa waliin kan turan yoo ta’u, baasiin isaanii eenyuun akka kaffalame hin beekamne.
Pirezidantiin Mongooliyaa Kaalmaagiin Baatuulgaa nama kana waliin achitti erga wal-arganii booda haalli mijateefii ji’a itti aanutti Ameerikaa daawwachuu hin oolan jedhama.
Namni hayyama meeshaa waraanaaf haalaan falmatu kun jireenya qaala’aa jiraachuun kan beekamu yoo ta’u, suuraawwan bashannana isaa mul’isan miidiyaa hawaasaarra gadhiisuun beekama.














