Hidha Laga Abbayyaa: Sudaan Kibbaa daangaa Itoophiyaarratti buufata waraanaa Masriif kennuuf walii hin galle jette

Gabaasaaleen Sudaan Kibbaa daangaa Itoophiyaarratti bakka waraanni Masirii buufatu kenniteettiif jedhu dhara tahuu biyyattiin ganama kana (Roobii) beeksisteetti.

Gabaasaaleen miidiyaalee biyyattii keessa jiraniin kaleessa (Kibxata) bahan akka jedhanitti, biyyattiin gaaffii Masriirraa dhiyaatef hordofuun baha biyyattiitti iddoo Pagak jedhamutti heyyamuushee gabaasaa turan.

''Otoo waliigalteen jiraatee silaa nuyi warri as waajjira olaanaa Bilpaam jirru dursinee barra ture,'' jechuun qondaalli waraanaa maqaan isaanii hin eeramne tokko miidiyaa National Courier'tti himaniiru.

''Waanti Juba TVn gabaasan oduu sobaati. Masrii waliin waliigalteen gahame tokkoyyuu hinjiru,'' jedhan qondaalli waraanaa olaanaan kun.

Akka miidiyaleenJuba TV fi SSnewsnow jedhaman kaleessa gabaasanitti, buufatni waraanaa ijaaramu kun loltoota waraanaa Masrii 250f dawoo kan tahu yogguu tahu, magaalaa Pagaak jedhamtu kan dhiyeenya daangaa Itoophiyaarratti argamtudha.

Kaawuntiin Maayiwuut jedhamu ammoo naannolee Itoophiyaa Beenishangul Gumuz, Gaambellaafi Oromiyaa daangeessiti.

Miidiyaaleen kunniin qondaala waraanaa maqaan isaanii hin dhawamne waabeeffachuun gabaasaa turan.

''Mootummaan Sudaan Kibaafi Raayyaan Ittisaa Sudaan Kibbaa (SSPDF), gaaffii obboleewwan keenya Masriirraa dhiyaate hordofuun, gama baha biyyattiitti waraana isaanii akka qubsisaniifi biyyattis misoomaan akka gargaaraniif jecha lafa kennineerraaf,'' jedhan qondaalli maqaan isaanii hin dhawamne kun.

Buufatni waraanaa kun hidhaa Itoophiyaan laga Abbayyaarratti ijaaraa jirtuurratti tarii rakkoon ni mudata taanaan, isaaf qophii barbaachisu gochuuf itti gargaaramu jedhan qondaalli kun.

'Itoophiyaa waliin waliigaltee qabna'

Gabaasa har'a ganama baheen ammoo qondaalli waraanaa biraa ''Itoophiyaa wajjin waliigaltee ittisaa qabna, isa cabsuu hin dandeenyu,'' jedhaniiru.

''Itoophiyaan sadarkaa biyyi keenya irra geesseef gumaachiteetti.''

Magaalaan Paagaak Warraaqsa Bilisummaa Uummata Sudaan, kan Reek Machaariin durfamaa tureef giddugala kan turtedha.