Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaatti lakkofsi namoota Covid-19'n qabamanii kuma tokko caale
Itoophiyaatti qorannoo koronaavaayirasii sa’aatii 24 darbe keessa namoota 5,034 taasifameen namoota 95 irratti vaayirasichi argamuu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksiseera.
Kanneen keessa 30 seenaa imala biyya alaa kan qaban yoo ta’an, 4 ammoo warra nama duraan vaayirasichaan qabame waliin tuttuqaa kan qabamanidha.
Kana malee namoonni harra qorannoon vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa’ee 61 seenaa imala biyya alaas ta’e kan nama kana dura vaayirasichaan qabame waliin hidhata hinqabneedha jedhameera.
Namootni qabaman kunneenis umuriin isaanii ganna 15 -80 jidduu kan argamuudha jedhameera.
Kanaanis biyyattii keessatti lakkoofsi namoota waliigalaa vaayirasichaan qabamanii 1,063 gaheera.
Namoonni harra vaayirasichaan qabamnunsaan adda baafame kunneen keessaa 56 magaalaa Finfinneetti kan jiraatan yoo ta’u, sadii naannoo Tigraayi, 22 Naannoo Oromiyaa, shan Naannoo Amaaraafi tokko Affaar, sadii Hararii, lama Dire Dhawaafi sadii naannoo Somaalee irraa jedhameera.
Gama kaaniin namoonni 11 vaayirasicharraa dandamatanii jiru. Walumaagalatti namni dandamate 208 gaheera.
Oromiyaa
Sa’aatii 24 darban keessatti namoota 233’f naannoo Oromiyaa keessatti qorannoo taasifameen namoonni 22 koronaavaayirasiidhan qabamaniiru.
Isaan keessaa namoonni 20 seenaa imalaa kan qaban yoo ta’u lamaan hafan immoo seenaa imalaa kan hin qabnee fi namoota vaayirasichaan qabaman waliin tuttuqqiin qaban kan hin beekamneedha.
Namoonni haaraan qabaman kunis ganna 17 -44 jidduutti kan argamaniidha.
Naannoo Oromiyaa keessatti hamma ammaatti namoota 7,071’f qorannoo taasifameen akka biyyaatti namoota 1063 gahan keessa namoonni 67 Oromiyaa keessatti argamu. Lubbuu sababa dhibee kanaan darbe saddeet keessaa nama tokkoo Oromiyaa keessatti galmaahe.