Mormii yaada Musxafee Mohaammad aangoorraa kaasuurratti uumameen miseensonni mirga himatamuu dhabuu mulqaman

Madda suuraa, SOMALI REGION MASS MEDIA
Mootummaa Naannoo Somaaleetti yaada Pirezedaantiin Itti-aanaa Musxafee Mohaammad aangoorraa kaafamuu qaba jedhurratti mormii miseensota mana maree naannichaa gidduutti dhalateen miseensota 12 irraa mirgi himatamuu dhabuu mulqame.
Akka miseensa BBCn dubbise tokko jedhanitti, walga'ii mana maree naannichaa yeroo dheeraatiif osoo hin gaggeeffamiin turee Kamisa waamerratti ajandaawwan gara garaarratti mariyachuun murtee dabarsuuf kan yaadamee ture.
Haata'u malee, ajandaa qabameen alatti dursa bulchiinsa Musxafee Mohaammad irratti mariyatamuun hangam akka amanamummaa irratti qaban (vote of confidence) sagaleen akka kennamuuf miseensonni gaafachuu isaaniitiif mormii dhalate.
Atakaaroo miseensota mana maree gidduutti uumame kunis booda gara hokkaraatti jijjiiramuu miseensi mana maree kun himeera.
Miseensonni mana maree mirgi himatamuu dhabuu isaanii irraa mulqame kunneenis tarkaanifiin isaanirratti fudhatame sirrii akka hin taane ibsuus mormaniiru.
'Tarkaanfiin fudhatame seeraan ala'
Dhimmi pirezedaantii itti-aanaa ilaallatu ajandaa guyyaa Sanaa ta'ee dhiyaate akka hin jirre itti-aantuu Af-yaa’iin ibsamuun ajandaawwan biroorratti mariin gaggeeffamuuf yeroo yaalamaa jirutti galma keessatti mormiifi jeequmsi uumameera jedhan miseensi mana maree Mohaammad Alii Halaah.
Miseensonni adeemsa kanarratti sagalee mormii dhageessisan galma keessaa bahuufi waajira mana marichaa keessatti "hokkara uumuu" fi "adeemsa seeraan alaa" hordofuu isaanii ibsu Obbo Mohaammad.
Namoota mirgi himatamuu dhabuu isaanii irraa mulqame keessaa tokko kan ta'an Obbo Abdurahimaan Huraatee, "Tarkaanfiin fudhatame seeraan aladha," jechuun BBCtti himan.
Akka Obbo Abdurahimaan jedhanitti, miseensonni walga'icharratti hirmaachuuf dhufan 180 kan argaman yoo ta'u yeroo ajandaa guyyaa sanaaf qabamee ture raggasisuudhaaf jedhamutti ture kan jeequmsi uumame.
Isaan boodas, miseensonni mana mree hangi tokkos ajandaa qabameen ala raawwiin hojii naannichaa gamagamamuu qaba kan jedhu yaada dhiyeessanii turan. Haata'u malee, ajandaan kunis fudhatama dhabuu isaarraan kan ka'e, miseensonni mana maree hangi tikko walga'icha addaan kutanii bahaniiru jedhan.
Warra walga'ii sana addaan kutanii bahan keessaa tokko kan ta'an Obbo Abdurahimaan: " Waa'ee wanta uumamee yeroo gaazexeessitootaaf ibsa kennuu jalqabnutti poolisiidhaan miidhaan nurra gahe.
Miseensota mana maree hanga tokkorrattis reebichi raawwatameera. Manni kan koos poolistiin sakkatta'ameera," jechuun BBCtti himan.

Madda suuraa, Somali Regional Media
Isa dabalatee namoonni walga'icha addaan kutanii bahan 127 akka ta'an ibsuun, lakkoofsi miseensotaa gahaa waan hin taaneef walga'iin sun itti fufa jedhanii akka hin yaadiin dubbatu Obbo Abdurahimaan.
Mirgi himatamuu dhabuu miseensota 12 irraa kaafamuun isaa bakka sagaleen miseensotaa hin guutnetti waaree booda kan gaggeeffame yoo ta'u, "hojii seeraan ala ta'eefi tarkaanfii dambii mana marichaa hin eegnedha," jedhan.
Taatee Kanaan booda Jigjigaarraa gara Dirree Dhawaatti kan deebiyan Obbo Abdurahimaan, "Yeroo itti aanutti gara Finfinnee deemuudhaan qaama dhimmi isaa ilaallatutti himannaa keenya dhiyeeffanna," jedhan.
Warri achi keessa turan maal taajjaban?
Walga'ii mana maree sanaa hanga dhumaatti kan hordofan Obbo Mohaammad Aliin ammoo yeroo mirgi himatamuu dhabuu miseensota 12 kaafamutti lakkoofsi miseensota mana maree gahaan akka ture BBCtti himaniiru.
Manni maree naannoo Somaalee miseensota 238 kan qabu yoo ta'u, murtee sana dabarsuudhaaf sagaleen barbaachisu ture ammoo 152 ta'uu kan dubbatan Obbo Mohaammad, walga'ii kaleessaa irratti kan argaman ammo 184 turan jedhu.
"Miseensonni mana maree hangi tokko walga'iin erga jalqabameen booda adeemsa ture jeequuf yaalanii ture," kan jedhan miseensi mana maree kun sababa sanaanis tarkaanfiin fudhatameera jedhu.
Ajandaa miseensonni mana maree mormii kaasan dhiyeessan akka pirezedaantiin itti-aanaa aangoorraa kaafamaniif ture kan jedhan Obbo Mohaammad, "Kana ta'ulleen hojmaata miseensoni mana maree hordofuu qaban hodofuun gochuu qabu ture, Isaan garuu kanaan alatti wanta barbaadan raawwachuudhaaf yaalaniiru," jedhan.
Sababa kanaanis, ajandaan isaan mana mareetiif dhiyeessan fudhatama waan hin argatiiniif jeequmsa keessa galuu isaanii eeruun, erga walga'ii keessaa bahanii ammoo gara waajira mana marichaa deemuudhaan hokkara uumaniiru jechuudhaan himatan.
Isaan booda yeroo mirgi himatamuu dhabuu miseensota 12 irraa mulqamuun murtaa'utti miseensotni 158 sagalee kan kennan yoo ta'u, "maqaafi mallattooni miseensota murtee dabarsanii kanaa waan jiruuf miseensi barbaadame argameera," jechuun ibsan.
Miseensonni mana maree Somaalee mirgi himatamuu dhabuu isaanii irraa mulqame kun carraan isaanii fuula duraa maal akka ta'u hanga ammaa wanti beekame kan hin jirre yoo ta'u, yaadni himatamuu malu jedhu jira.

















