Obbo Ahimad Shidee dura taa'aa, Musxafaa Omar itti aanaa Paartii Dimookiraatawaa Soomalee ta'an

Madda suuraa, Getty Images/BBC
Paartiin Dimookiraasawaa Somaale Obbo Ahmad Shidee dura taa'aa gochuun filate.
Paartiin Dimookiraatawaa Somaale Obbo Ahmad Shidee dura taa'aa akkasumas Obbo Musxafaa Omar dura taa'aa itti aanaa taasise filu FBC'tu gabaase.
Qondaaltonni kunneen yaa'ii 10ffaa paartiin kuni taasisaa jiru irratti filaman.
Hoggantoonni lamaan pirezidantii duraanii naannoo Somaale Obbo Abdi Mohaammad Omar waggaa darbe baatii Hagayyaa aangoo irraa erga ka'ani booda dura taa'aafi dura taa'aa itti aanaa ta'un filamani turan.
Yeroos filannoon isaanii koree giddugalessaa dhaabbichaan raawwate.
Yaa'ii gidduu kanaa irratti garuu dhaabni kuni maqaa dhaabichaa Paartii Dimookiraasawaa Somaale Itoophiyaa jedhu irraa gara maqaa amma qabutti jijjiireera.
Ministirri Muummee Abiy Jigjigaa kan jiran yoo ta'u yaa'ii kana irratti ergaa ni dabarsu jedhameeti eegama.
Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti dhaabichi yaa'ii taasisaa jirun asxaan dhaabichaa akka jijjiramullee murtesseera.
Akkasumas dambii ittin bulmaata isaa irratti lammiin Itoophiyaa Afaan Soomale dubbatu danda'u kamuu miseensa dhaabichaa akka ta'u foyyesseera.
Yaa'ii guyyaa lamaa har'a xumurama jedhame eegamu irratti miseensonni koree hojii raawwachiiftuufi koree giddu galeessaas filamaniiru.
Adeemsa Obbo Musxafaa
Pirezidant Abdi Mohaammad booda guyyoota muraasaaf yeroof pirezidantii ta'un naannicha kan bulchan Obbo Ahmed Abdi Mahammad turani. Isaaniinis kan muudan Obbo Abdi Mohaammad turan.
Obbo Amhad Obbo Musxafaan miseensa dhaabicha osoo hin ta'in yeroos filamu dubbatani turan.
Sababni isaas, ''dhaabichi akka hin diigamne baraaruufi'' jechuun kallattiin fesbuukii irratti yeroo sergaa dabarsaniin himani turan. Yeroos, maqaan dhaabichaa Paartii Dimookiraasawaa Somaale Itoophiyaa jedhama ture.
Kana jechuun filannoo yaa'ii har'aan Obbo Musxafaan miseensa Koree Hojii Raawwaciiftuufi Koree Giddu galeessaa Paartii Dimookiraatawaa Soomale ta'aniiru.
Obbo Musxafaan gara aangootti erga dhufani booda waldhabdeen gama daangaa Oromiyaan tureefi lammiilee hedduu galaafate akkasumas miiliyoonatti siqu buqqise tasgabbaa'eera.
Rakkoon gama Mooyyale dhalataa ture keessas harka hedduutu keessa jira jedhani BBC'tti dubbatani turani.
MM Abiy Jigjigaatti maal dubbatan?

Madda suuraa, OFFICE OF PM
MM Abiy Ahimad har'a waaree boooda Jigjigaa dhaquun ergaa dabarsaniin yeroo duraaf hayyuuleen naannicha akka bulchan ta'u isaa jalqabbii gaarii ta'u himaniiru.
Waajjirri MM akka ibsetti, xumura yaa'ii 10ffaa paartii Dimookiraatawaa Somaale irratti kan argaman yoo ta'u ammaan achi hojiin hoggantootaafi ummata nbaannichaa misooma dabalatee kanneen kontirobaandii hojjetan irratti hojjechuu akka ta'e dhaamaniiru.
Hoggantoonni Somaaliyaafi Somaalilaand akka walitti dhufani hojjetan bara darbe jaarroleen Soomale gaafatanin walitti dhufani hojjechuuf wali galu isaanii himaniiru.
Bara darbe rakkoon nageenyaa Oromiyaafi Somaalee giddu ture amma furamu isaa kan yaadachiisan MM Abiy, akkuma aangoo qabataniin jalqaba gara Jigjigaa imaluun isaanii ni yaadatama.
Ergasiis naannoo Soomale keessatti nagaan bu'u, Addi Bilisa Baasaa Ogaaden biyyatti deebi'u akkasumas kanneen hidhaa turan hiikamun isaanii biyyaafis abdii ta'u dubbataniiru.















