Duguggaa Sanyii Ruwaandaa: Félicien Kabuga akkamiin ganna 26'f osoo hin qabamiin ture?

Daldalaan tujaara ture Feelisiyan Kaabugaa, waggoota 26'f maqaawwan garagaraa 28 fayyadamuun, akkasumas walitti dhufeenya jajjaboo ardiiwwan lama keessaatti qabutti fayyadamuun, abbootii alangaa dhaddacha duguggaa sanyii Ruwaandaa jalaa miliqaa ture.

Namni gannisaa 84 tahe kun, yeroo dheeraaf qabamuu jalaa miliquusaatiin, dhaddachi duguggaa sanyii namoota akkasaa seeratti dhiyeessuyyuu hojii dhaabeera.

Dhumarratti garuu torban dabre keessa biyya Faransaay magaalaa Paarisitti qabame. Kunis abbaan alangaa Serge Brammertz jedhamu, dhimmichi irra deebiin banamuun akka qoratamu erga godhe boodadha.

''Waggaan dura namni kun UK, Faransaay yookaa Beljiyem keessa akka jiru odeeffanne. Achis ji'a lamaan dura Faransaay jiraachuutti fudhanne,'' jechuun aangawaan UN tokko BBCtti himan.

''Angawoonni biyyattiis gamoo inni keessa dhokatee ture argatan.''

Sababni ijoon namni kun yeroo dheeraa haganaaf dhokatee ture ''dawoo ijoolleenaa waan qabuufi,'' jedhan anga'aan kun.

Namni kun yoo xiqqaate ijoollee shan qaba - ijoolleen dubraa lamaan, ijoollee dhiiraa pireezidantii Ruwaandaa duraaniitti heerumaniiru.

Gaafa xiyyaarri Pireezidant Juvénal Habyarimana Ebla 6, 1994tti rukutamtee kuftee boodadha duguggaan sanyiin kun ka jalqabe.

Qorattoonni Faransaay nama kan qabuu danda'an, bahaafi gala ijoolleesaa guyya-guyyaan erga hordofanii boodadha.

Namni kun eenyummaa sobaa paaspoortii biyya Afrikaa maqaan hin eeramne irraa argameen jiraachaa ture.

Garee qorannoo addaa Faransaay kan hogganan Koloneel Eric Emeraux akka jedhanitti, weerarri koronaavaayiras kun hanga tahe nu gargaareera jedhu.

Akkamiin? Sababa uggura kaa'ameen qorannoon biyyoota Awurooppaa keessatti gaggeessan dhaabbachuun isaa, eessa buutee nama kanaa irratti akka xiyyeeffataniif yeroo kenneef.

ALA bara 1994, guyyoota 100 keessatti finxaaleyyiin gosa Hutuurraa ta'an namoonni 800,000 tahan obbaasan. Obbo Kaabugaan ammoo jara kana maallaqaan gargaareera jedhama.

Finxaaleyyiin kun saba lakkoofsaan bicuu tahan Tutsii irratti xiyyeeffatan. Isaan qofa osoo hintaane, warreen isaan morman gosa osoo gargar hin baasiin ajjeesan.

Ameerikaan namni kun eessa akka jiru nama odeeffannoo kenneef doolaara miiliyoona 5 ramaddee turte.

Kun hunduu otoo jiruu, namni kun akkamiin otoo hinqabamiin yeroo haganaa ture?

Keeniyaatti dhokatee turee?

Obboo Kaabugaan biyyoota Afrikaa Bahaa akka Keeniyaa keessatti jiraateera jedhama.

Yeroo dheeraaf Keeniyaan nama kanaaf dawoo kennitee turte jedhama - namoonni siyaasaa ciccimoon yaalii isa qaburratti danqaa tahanii turan jedhama.

2006tti, qaamni 'International Criminal Tribunal for Rwanda' jedhamu namni kun Keeniyaa akk daawwatan yookaan akka jiraatan ragaa qaba jedhee ture. Namni kun Keeniyaa keessaa daldala qabus jedhama.

Maatiin Kaabugaa Keeniyaa keessaa qabeenya Spanish Villa qabaachuunsaanii haqadha. Sababa mana kanaatiin haati warraasaa Josefin Mukaazitoonii mana murtiitti dhiyaachuun falmaa turtus, osoo hin milkaa'in hafteetti.

Barbaacha bu'aa hin qabne

Yeroo garagaraatti miidiyaaleen Obbo Kaabugaan Keeniyaa keessa jira jechuun haa gabaasan malee, ragaa kan dhiyeesse garuu hinturre.

Magaalaa Naayiroobiitti yeroo garagaraa keessa adamsa poolisii jalaa miliqeeras jedhama.

Fakkeenyaaf duula isa qabuu Adooleessa 1997 gaggeeffameen, namoonni duguggaa sanyiin shakkaman torba qabamanis namni kun garuu jalaa miliqeera. Akkamiin jennaan, poolisiitu dursee daa'imtuu gurra buse.

Gaazexeessitoonni waa'ee nama kanaa gabaasaniis balaarra bu'u.

Amajjii 16, 2003tti gaazexessaan Wiliyaam Munuhee, manasaa Naayiroobitti du'ee argameera.

Akka obboleessi gaazexeessaa kanaa jedhuutti, erga inni booda Munuheen FBI waliin tahuun duula nama kana qabuu gaggeessuuf akka ture odeeffannoo argadheera jedha. Gaazexeessaan kunis abbaa qabeenyaa of fakkeessuun Obbo Kaabugaatti dhiyaachuuf ture.

''Waan nu ajaa'ibe keessaa, poolisiin sababa du'aa aara 'carbon monoxide'n of ajjeese jechuu isaati,'' jechuun obboleessi isaa Joseefaat Gichuukiin BBCtti himeera.

''An dhuunfaa kootti reeffasaa argeera. Madaa rasaasaa mataa irraafi kutaa isaa keessattis dhiiga argeera.''

Ifaajee barbaacha nama kanaa

Battaluma yakki kun raawwateen Félicien Kabuga biyyaa bahuun Swizarlaand qajeele - achitti akka turu heeyyama in arganne ture. Oggasuu Kinsshaasaan gochuun gara Afrikaa deebiye.

Ragaaleen hedduun gara Keeniyaa mul'isu. Maadagaaskaar fi Burundiis mul'ateera jedhama.

Odeeffannoon akkasii kun garuu bu'aa hin buusiin hafaniiru jedhan abbaan alangaa Brammertz.

Yoo xiqqaate waggaa lama fudhate jedhu - kunis Jarmanii keessa 2007tti mul'ateera erga jedhame, achirraa hordoffii eegalan. Jarmanii wallaansa baqaqsanii yaaluuf akka deeme himama.

Ragaa bilbilaa fi baankiiwwanii bal'aa taheen booda, Paariis akka jiru barame.

''Gargaartota malee gara daangaa Faransaayitti miliqeera jedhanii yaaduun daran ulfaata,'' jedhu namni Patrick Baudoin jedhaman dhaabbata 'International Federation for Human Rights' irraa.

Dhaabni Hiyumaan Rayitis Wachis eessa buute nama kanaa baruuf qorannoon akka banamu yeroo garagaraaf waywaachaa tureera.

Deemsa lafoo ugguraan dura

Ollaan nama kanaa gamoo tokkorra jiraatan, Obbo Kaabugaan ollaasaanii keessa waggaa sadii haga afurii jiraateera jedhu.

''Obbo Kaabugaan nama yeroo hedduu hin mullannedha. Gaafa namni gaafatus nama hasaasudha,'' jechuun namni gamoo sana keessa jiran tokko AFPtti himaniiru.

Uggurri kaahamuun dura namni kun deddeemuuf manaa baha ture jedheera.

Amma garuu Obbo Kabugaan mana hidhaa La Saantee jedhamu Paaris keessa jira. Hanga dhaabbata IRMCT jedhamutti dabarfamee kennamus asuma tura.

Akka Obbo Brammertz jedhanitti, adeemsi kun torbanoota yookaa ji'oota fudhata. Obbo Kabugaan haga mana murtiitti dhiyaatu ammoo waggaa tokko fudhachuu danda'a - Za Heegiitti ykn Taanzaaniyaa, Arushaatti tahuu danda'a.

Haa tahu malee, abukaatonni Obbo Kaabugaa, dhimmisaa Faransaayitti otoo ilaalamee akka fedhu ibsaniiru.

Warreen ajjeechaa kana jalaa oolan, adeemsi akkasii haqa isaan yeroo dheeraaf hawwaa turan akka hin dheereessine barbaadu.

Erga namni kun qabamuun isaanii dhagahameetti, hoggantuun garee dubartootaa abbaa warraa dhabanii, Avegaa jedhamu Valerie Mukabayire BBCtti dubbatteetti.

''Warri duguggaa sanyii kana jalaa oole marti qabamuusaatti gammanneerra. Oduu kana dhagahuuf yeroo dheeraaf hawwaa turre. Seera fuulduratti dhiyaachuuf deemuun isaa waan bareedaadha.''