Jamaal Kaashogjii: "Warra abbaa keenya ajjeesaniif dhiifama goneerra," Ilma Jamaal Kaashogjii

Ilmi gaazexessaa Jamaal Kaashoogjii maatiin isaa warra abbaasaa ajjeesaniif dhiifama gochuusaanii hime.

Jamaal Kaashogjii mootummaa Sawud Arabiyaa qeequudhaan beekamaa ture, Mooraa imbaasii Sawudii kan Istaambuliitti argamu keessaatti Onkolooleessa bara 2018 ajjeefame.

Aanga'oonni Sawudii ajjeechaan Jamaal Kaashoogjii irratti raawwatme 'tarkaanfii hin malleedha' jechuun mootummaan akka raawwatamu kan barbaadame miti jedhan.

Haata'u malee, taateewwan ajjeechaa raawwatameen kunis eejjansiiwwan basaastootaafi UN dabalatee dhaabilee iddila addunyaan shakkii olaanaa kaasee.

Kaashogjiin Gaazeexaa Washington Post jedhamuuf barreessaa kan ture yoo ta'u, hang guyyaa du'eettis Ameerikaa keessa jiraataa ture.

Booda keessa ammoo aanga'oonni Saawuudii gareewwan Kaashogjiin gara biyyaatti akka deebii'uu yaalaa turaniin akka ajjeefame hime.

Muddee 2019 keessa ammoo manni murtii biyyattii manoota maqaansaanii hineeramne shan kan ajjeechaa Kaashoogjii keessatti gahee qabu jeedherratti addabii du'aa dabaruu hime. Kunis dhadachaa iccitii Riyaad keessatti gaggeefameen booda jedhameera

Haa ta'u malee, dhaabbilee mirgoota namoomaatiif morman akkataa ajjeechaan gaazexessaa kanaa qaama walaba ta'een qoratamuu gaafataa ture.

Maatii Kaashogjii maal jedhan?

Ibsi tokkoo fuula tiwiitara ilama Kaashogjii kan ta'e Saalaah Kaashoogjii irratti guyyaa Jimaataa maxxanfame.

''Alkan qulqulluu ji'a qulqulluu Ramadaanaa keessa waan Waaqni jedhu yaadannee: Namni dhiifama taasisuun yoo nagaa buusee, deebii Waaqa (Allaah) biraa argata.''

''Kanaafuu nuti ijoolleen gaazeexessaa Kaashoogjii kanneen abbaa keenya ajjeesaniif dhiifama taasiisuun, oolmaa keenyaa Waaqa hunda danda'u irraa eegganna.''

Dhiifamni maatiin namoota ajjeechaa raawwataniif taasisan haaluma seera Isalaamatiin kan hojiirra oolu ta'uu isaa garuu hanga ammaa wanti beekame hin jiru.

Saalaah kana dura haala adeemsa qorannoo Sawudiin taasisaa jirtuutti amantaa akka qabuufi akka wal ta'u himee ture.

Kana malees, ''dinoonniifi mormiitoonni'' Sawudii Arabiyaa ajjeechaa abbaa keenyaa fayyadamuun oggansa biyyattii tuffachuu barbaadu jedhee ture.

Jamaal Kaashogjii maaltu mudate?

Gaazexessaa Jamaal Kaashoogjii bara 2017 keessa jireenya baqannaatiif gara Ameerikaa deemuun achi jiraataa ture.

Yeroo ajjeefameetti ammoo Onkolooleessa bara 2018'tti Imbaasii Sawudii kan Istaambulitti argamuutti kaadhiimaa isaa Haatisii Seengiiz waliin wal fudhuudhaaf sanada barbaacha deemee ture.

Qorattoonnis osoo kaadhiimaan isaa ala dhaabbattee eegaa jirtuu ajjeefamuu himu. Haata'u malee, reeffi isaa argamuu hin dandeenye.

Aanga'oonni Sawudii lubbuudhumaan akka dallaa Imbaasichaa keessaa bahusa himanii turan dura. Isaan booda ammoo erga inni du'ee torbanoota keessatti yeroo hedduu ejjannoo isaanii geggeedaraa turan.

Ajjeechaan gaazexessaa kanaas addunyaa mara naasisee ture. Isaan boodas gabaasni UN akka jedhuutti ragaan Mootii Mohaammad bin Saalmaan fi aanga'oonni Sawudii olaanaan qaamaan ragaa qabatamaan qaba jedhee ture.

Garuu ammoo Ilmi moottii ajjeechaa kana keessaa harka qabaachuu haaleera.

Haata'u malee, akka ogganaa biyyaattiitti ajjeechichi waan namoota Imbaasii mootummaa Sawudii keessa hojjataniin raawwatameefuu itti-gaafatamummaa guutuu akka fudhatan himanii ture.