Lidataafi Addis Katamaan bakka weerarri Covid-19 itti heddumaatedha jedhame

Ibsa Covid-19 Itoophiyaa

Namoota Itoophiyaa keessatti Covid-19’n hanga kaleessatti qabamuun isaanii mirkanaa’e 365 keessaa 63% jeechuunis namootni 228 kanneen magaalaa Finfinnee keessa jiran ta’uu Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa beeksise.

Kutaaleen Bulchiinsaa Lidataa fi Addis Katamaa ammoo kutaalee magaalichaa biroo caala namootni baayyeen Covid-19’n qabaman keessatti argamaniiru jechuun Daayireektarri Olaanaan Dhabbatichaa Dr. Eebbaa Abaata Tajaajila Oduu Itoophiyaatti himan.

Vaayirasichi sadarkaa gutummaan guutuutti jedhamuun kutaalee bulchiinsa magalichaa hunda keessatti tamsa’ee jiraatus, kutaalee magaalaa laman kanatti caalmaa akka qabu ibsan.

Akka Dr. Eebbaan jedhanitti namoota Finfinnee keessatti Covid -19’n qabaman 228 keessaa 40% kutaa magaala Lidataa keessatti argamu. Sadarkaa lammaffaarratti kan argamu ammoo kutaa magaalaa Addis Katamaadha.

Gama kaaniin waliigalatti namoota vaayirasii kanaan qabaman keessaa namootni 56 seenaa imalaas ta’e namoota vaayirasichaan qabaman waliin tuttuqqaa kanneen hin qabne ta’uun ibsameera.

Namoota kunniin keessaas %48 magaala Finfinnee keessatti argamu. Ammas harki caalaan namoota kanaa kutaalee magaalaa lameen keessa jiraatu jedhan Dr. Eebbaan.

Kutaa magaalaa Lidataa keessatti mana amala sirreessaa yeroof qophaaye keessatti sirreeffamtoota amalaa fi kanneen tajaajila kennan irratti vaayirasichi argamuus ibsaniiru.

Hoogganaan waajira Fayyaa Buchiinsa magaala Finfinnee Dr. Yohaannis Caalaa sirnoonni akka cidhaa fi gaddaa dhibeen kun akka tamsa’u sababa ta’uu himanii, naannoleen akka Addis Katamaa fi Markaatoon lafa manneen walitti siiqanii, sochiinis itti heddummaatu ta’uun tamsa’ina isaaf carraa banuu malaa jedhan.

Kanaafis hawaasni of-eeggannoowwan ogeeyyiin gorsaa jiran akka hojiirra oolchan gaafatan.

Ministirri Fayyaa Dr. Liyaa Taaddesee gama isaaniin seenaa Imalaas haa ta'u tuttuqqaa namoota vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaaye waliin osoo hin qabaatiin lakkoofsi namoota vaayiraasichaan qabamanii dabalaa jiraa jedhan.

Itoophiyaa keessatti Vaayirasichi naannolee sagalii fi bulchiinsota magaalaa lameen keessatti tamsa'ee akka jirus Dr. Liyaan dabalanii himaniiru.

Waliigalatti vaayirasichi Godinoota 40 keessatti argameera jedhan.