Koroonaavaayirasii: Libaanoositti lammiileen Itoophiyaa koroonaavaayirasiin qabaman

Weerara koroonaavaayirasiin mootummaan uggura sochii labsuun dura yeroo namootni bitanii gurguran kan agarsiisu

Madda suuraa, Reuters

Lammiilee Itoophiyaa biyya Libaanoos jiraatan keessaa namootni saddet koroonaavaayirasiin qabamuun himamaa jira.

Ministeerri Fayyaa biyyattii marsariitii odeeffannoo waa'ee koroonaavaayirasii qoodu irratti lammiileen Itoophiyaa saddet vaayirasichaan qabamuu ibseera.

Haa tahu malee qonsilaan Itoophiyaa biyyattii jiru waa'ee odeeffannoo kanaa mootummaa biyyattii irraa waan dhagahe akka hin qabne himeera.

Libaanoositti namoota 886 koroonaavaayirasiin qabaman keessaa saddet lammiilee Itoophiyaa tahuu ragaan marsariiticha irratti lammiilee caqasuun ibse agarsiisa.

Lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabaluu hordofuun biyyattiin guyyoota afuriis sochiin kamiyyuu akka hin taasifamne uggurtee jirti.

Akka odeeffannoo mootummaa biyyichaatti namoota vaayirasichaan qabaman waliigalaa keessaa 7% kan tahan lammiilee biyyoota alaati.

Lammiileen Itoophiyaa saddet qabamuun ammoo lammilee biyyoota alaa jedhaman kana keessaa isa ol-aanaadha, akka ragaan kun agarsiisutti.

Dhimma kana irratti Qonsilaa Itoophiyaa Libaanoos jiruu kan tahan Obbo Akiliiluu Taaxxeree Wubee waa'ee ragaa jedhamees tahe ''lammiileen Itoophiyaa vaayirasichaan qabamuu odeeffannoo homaa hin qabnu'' jedhan.

Giraafii

Madda suuraa, Lebanos Ministry of Health

Ibsa waa'ee suuraa, Giraafii kana irratti sarara dhumaa irra kan jiru lakkoofsa lammiilee Itoophiyaa vaayirasichaan qabaman agarsiisa.

Qonsilaan kun akka jedhetti mootummaan biyyichaa yeroo yeroodhaan odeeffannoo akka dhaqqabsiisu himuun amma lammii Itoophiyaa vaayirasii kanaan qabames tahe du'e ilaalchisee garuu waan nu beeksisan hin jiru jedhan.

Obbo Akiliiluun kaleessa marii mootummaa biyyichaa waliin itti fufinsaan gaggeessaniin adabbiin kaffaltii lammiilee Itoophiyaa karaa seeraan alaa biyyicha galan irratti darbee ture akka haqamuuf gaafachuu himan.

Kanaanis adabbiin kun kanaan dura gara waggaa tokkotti gadi akka bu'ee ture himuun amma marii gaggeessaniin lammiilee Itoophiyaa gara biyyaatti deebi'aniif guutummaatti akka hafu murtaa'uu himaniiru.

Obbo Akiliiluun lammiilee Itoophiyaa gara biyyatti galuu barbaadaniif sanada imalaa yeroodhaaf isaan gargaaru baasuun viizaa akka biyyichaa bahaniif isaan gargaaru qopheessuun akka deeggaranis himaniiru.

Haa ta'u malee lammiileen Itoophiyaa Libaanoos jiraatan qonsilaa irraa deeggarsa gahaa akka argataa akka hin jirre komataa turani.