Koronaavaayiras: Vaayirasichi ummata keessatti hundee gad-fageeffachaa waan jiruuf kan badu miti-WHO

Doktara sirinjii baatee jiru

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Yeroo ammaa kana talaalliiwwan gosa 100 caalan hojjetamaa jiru

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa(WHO)n koronavaayirasiin 'abadan kan badu miti' jechuun akeekkachiise.

Dhaabbatichatti Daarektara Kutaa balaa tasaa kan ta'an Dr Maayik Rayaan vaayirasicha yeroo kanatti dhabama jedhanii raaguun sirrii miti jedhan.

Yoodhuma talaalliinsaa argamellee vaayirasicha to'achuuf 'ifaajee guddaa' barbaada jedhan.

Addunyaarratti hanga ammaatti namoonni 300,000 caalan vaayirasichaan du'aniiru, miiliyoona 4.3 kan caalan qabamaniiru.

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomaniis vaayirasichi dhibee biraa dhalaa jira jedha.

Namoonni sababa kanaan dhiphuu fi dhibee sammuuf saaxilamaniiru, keessattuu biyyoota sirna fayyaa wal'aansa dhibee sammuurratti dadhabaa ta'e qaban keessatti.

Kanaafuu mootummoonni biyyoota addunyaa wayita hojii ittisa vaayirasichaa hojjetan waa'ee miidhaa sammuu namootaarra ga'aa jiruus ilaalcha keessa galchuu qabu jedha UN.

Waan qondaaltonni WHO jedhan

Dr Rayaan fi Dr Teedroos biyyoonni ariifatanii uggura sochii hawaasaa laaffisuu akka hin qabne akeekkachiisan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Dr Rayaan fi Dr Teedroos biyyoonni ariifatanii uggura sochii hawaasaa laaffisuu akka hin qabne akeekkachiisan

"Dhimma kana mariif dhiyeessuun gaariidha. Dhibeen kun hawaasa addunyaa hunda keessatti kan hundee jabeeffate ta'aa jira. Akkas taanaan vaayirasicha waan nurraa deemu miti.'' jedhan Dr Rayaan.

"HIV'n yoom bade. Vaayirasii kanaaf ammoo yeroo itti badu keenya. Kan namuu vaayirasichi yeroo kanatti dhabama jedhee raagu hin fudhadhu'' jedhan.

Daayiraktarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teedroos Adhaanoom ammoo ifaajee keenya cimsinaan vaayirasicha ni to'anna jechuun cimsanii dubbatu.

''Kallattiinsaa nu harka jira. Kun hojii nama hundaa ta'uu qaba. Weerara kana dhaabsisuuf hundi keenya gumaachuu'' qabna jedhan.

Qondaalli WHO kan biraan Maria van Kerkhove ammoo weerara vaayirasichaa jalaa ba'uuf yeroo akka fudhatu hawaasa addunyaa amansiisuu qabna jedhan.

Dr Teedroos biyyoota wabii tokko malee uggura sochii hawaasaa laaffisaa jiranis akeekkachiisaniiru.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa