Koronaavaayirasii: Wuhaan jiraattoota miliyoona 11 qabdu hunda qorachuufi

Madda suuraa, Getty Images
Magaalaan Chaayinaa Wuhaan, iddoon weerarri vaayirasii itti jalqabetti sochiin ugguraa labsamee ture laafe magaalittin jiruu idileetti deebitee turte.
Ebla 3 irraa eegale namni haaraa qabame hin turre.
Torban kana keessa garuu namoonni 6 haaraa qabamuu hordofuudhaan jiraattoota hunda qorachuuf karoorfamuu sabaa himaan biyyatti gabaasaniiru.
Weerara vaayirasichaa guutummaatti to’achuuf guyyoota 10 keessatti jiraattoota Wuhaan miliyoona 11 hundasaanii qorachuuf karoorfame.
Manneen barnoota fi giddugalli bizinasii akkasumas tajaajilli geejjiba hawaasaa suuta deebi’anii banamanii turan.
Amma namoonni haaraa qabaman argamuun jiruu idileetti deebi’uu eegalame yaaddoo keessa galcheera.
Araddoonni magaalattii hundi karoora qorannoo vaayirasichaa guyyoota 10 akka dhiyeessan gaafatamaniiru.
Namoota iddoo tokkotti heddummatanii jiraatanii fi maanguddoof dursi qorannoo kanarratti akka kennamu sanadni dhiyaate kan agarsiisu.
Haa ta’u malee, qondaaloonni fayyaa hawaasa hunda qorachuun akka ulfaatu fi gatiin isaas qaalii akka ta’e gaazexaa 'Global Times' jedhamutti himan.
Hospitaala Wuhaaniitti daarektarrii kutaa wal’aansa addaa Piing Ziyoong akka jedhanitti, qorannoon kun ogeeyyii fayyaa, namoota vaayirasichaaf saaxilamoo ta’aani fi nama vaayirasichaan qabame wajjiin tuttuqaa qaburratti xiyyeeffatamu qaba jedhu.
Ogeeyyiin biroon immoo jiraattoonni magaalichaa mil 3.5 ta’an duraanu qoratamaniiru, kanneen mil 6-8 hafan guyyoota 10 keessatti qorachuun akka danda’amu kaasaniiru.
Midiyaa hawaasaa Chaayinaa Weibo irratti garuu namoota ammasii qorachuun ni ulfaata jedhanii namoonni haasa’utti jiru.

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras














