Naannoo Kibbaatti sigiga lafaan yoo xiqqaate namootni 5 du'an

Namoota sigiga lafaan lubbuu dhaban yoo qotanii baasan

Madda suuraa, SNNPR Communication/Facebook

Naannoo Ummattoota Kibbaa Aanaa Addaa Aalee jedhamtutti lafti sigigaatee namoonni hedduun kan miidhaman yoo ta'u, amma dura reeffi namoota 5 qotamee bahuu Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Naannichaa hime.

Sigigi lafaa kun Jimaata Caamsaa 08 bara 2020 barii kan mudate yoo ta'u manneen jireenyaa jaha mancaasee jira.

Namoonni manneen kana keessa turan lafti sigigaate irra garagalee lubbuu dhabaniiru.

Amma dura deessu baatii sadii fi daa'ima ishee dabalatee reeffi nama shanii qotamee bahuu Biiroon Komunikeeshinii Naannichaa beeksiseera.

Namoonni torba kan hafan yoo ta'u, hojiin lubbuu baraaruu fi reeffa namoota hafani barbaaduu itti fufuu bulchaan aanichaa Obbo Kaaraa Maammoo.

Lafti naannichaa caffaa'aa ta'uun hojii lubbuu baraaruu ulfaataa taasisuus Obbo Kaaraan himaniiru.

Lafa sigigaate

Madda suuraa, SNNPR Communication/Facebook

Abbootii warraa naannoo balaan kun mudate keessa jiraatan 68 adda baasuun iddoo yeroof qophaa'e keessa akka qubatan taasifamuus himaniiru.

Pireezidantii Itti Aanaan Naannoo Kibbaa Obboo Iristuu Yirdaawu bala mudateen gadda itti dhagaahame ibsanii jiru.

Kanneen miidhaman deeggaruuf naannichi bulchiinsa aanaa waliin ni hojjeta jechuun Biiroon Komunikeeshinii Naannoo Uummattoota Kibbaa gabaaseera.