Obbo Barakat Simi'oonirratti hidhaan waggaa jahaa murame

Madda suuraa, AFP
Ministira Komunikeeshinii Itoophiyaa duraanii ka turaniifi namni siyaasaa beekamaan Obbo Barakat Simoon malaammaltummaan himatamanii, dhimmisaanii erga Mana Murtiin Oolaanaa Naannoo Amaaraan ilaalamaa turee booda, hidhaa ganna jahaa itti mureera.
Isaan waliin ka himataman Obboo Taaddasaa Kaasaa ammo waggaan saddeet itti murameera.
Obbo Barakat fi Taaddasaan to'annoo jala erga oolanii ji'oota 15 booda murtii argatan.
Akka miidiyaaleen biyya keessaa gabaasanitti, jarri kun mirgi iyyachuun isaanii ni kabajamaaf.
Abbaan Alangaa naannichaa, jarri lamaan kun yakkoota hojii itti kenname bahuu dadhabuuniifi malaammaltummaan himate.
Manni murtichaa guyyoota muraasaan dura ture balleessaa jara lamaan kanaa irratti kan murtii dabarse.
Manni murtii Waliigalaa Naannichaa, dhaddacha har'a ooleen murtii dabarseera.
Adabbii hidhaan dabalataan, Obbo Barakat Simoon irratti adabbii qarshii 10,000 akkasumas Obbo Taaddasaa Kaasaa irratti ammoo qarshii 15,000 murameera.
Murtiin kunis jarri kun erga hidhamanii kaasee kan heerreegamu taha jechuudha - kanaanis Obbo Barakat amma booda waggaa sadiifi ji'a sagal mana hidhaa turu jechuudha.
Obbo Barakat Simoon eenyudha?
Obbo Barakat maatiisaa Eertiraanoota Gondar keessa jiraataa turan irraa dhalachuun achumatti guddachuu himama.
Maqaan maatiin isaa baasaniifis Mabraatuu yoo ta'u, maqaan abbaa isaa Obbo Gabrahiyiwoot akka ture kanneen dhiyeenyaan isa beekan ni dubbatu.
Faana obboleessa isaa angafaa hordofuunis miseensa Paartii Tokkummaa Ummata Itoophiyaa ta'uun gara qabsootti erga galaniin boodas, akka jijjirraa maqaa kana taasisee namoonni kunneen ni dubbatu.
Maaliif maqaasaa akka geeddarate beekamuu baatus, maqaa qabsaa'aa biraa akka fudhate himama.
Kunis namni qabsaa'aan Paartii Tokkummaa Ummata Itoophiyaa Barakat Simoon jedhamu akka tureefi tibba qabsootti sababii hinbeekamneen tasa dirree qabsootii baduusaatti miseensonni hedduun kan ajjeefame itti fakkaatee ture.
Muuxannoo tureenis qabsaa'aa kana yaadachuuf jecha Mabraatuu Gabrahiwoot maqaa guutuu Barakat Simoon akka fudhate himama.
Maaliin Himataman?
Obbo Barakat Simooniifi Obbo Taaddasa Kaasaa qisaasa qabeenya dhaabbata Xirat dabalatee dhaabbiilee biroo keessatti raawwatameen shakkamanii Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Naannoo Amaaraa akka to'ataman ta'e.
Waggaa tokkoofi ji'a tokko dura magaala Finfinneetti to'annoo jala oolanii dhimmi isaanii Mana Murtiin Oolaanaa Naannoo Amaaraan ilaalamuu qaba jedhamuun gara Magaalaa Baahirdaaritti dabarfaman.
Komishinarri komishinichaa Obbo Ziggaale Gabayyoo isaan to'achuuf ajajni mana murtiiti bahuu isaafi sababa qisaasa qabeenyaa uumameen dhaabbileen shan kasaaraa fi idaa keessa seenu isaanii himaniiru.
Gurgurtaan warshaa biiraa Daashin dhimmoota Obbo Barakat yakkaan itti shakkaman keessaa dha. Hoggantoota lamaan alattis malaammaltummaan kan shakkaman akka jiran qondaalli kuni himaniiru.
Aangoowwan motummaa mummee Obbo Barakat irra turan:
- Ministira Beeksiisaa
- Ministira Waajjira Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa
- Ministira Gorsaa qo'annoo fi qorannoo imaammata Ministira Muummee
- Sadarkaa ministiraatti Ittaanaa Daarektara Olaanaa Wiirtuu qorannoofi qo'annoo Imaammataa
- Walitti qabaa boordii dhaabbata Televizhiniifi Raadiyoo Itoophiyaa
- Dura taa'aa boordii Baankii Daldalaa Itoophiyaa















