Koronaavaayiras: Naannoo Amaarraatti boombii cidharratti dhoheen lubbuun namootaa darbe

Naannoo Amaaraa Godina Aaddaa Oromoo

Naannoo Amaaraa godina Goojjam Bahaa aanaa Hinnaarjinaafi Hinnaawugaa ganda Siimaa jedhamutti cidha gaggeeffamaa ture tokkorratti boombiin dhohee lubbuun namoota lamaa darbe.

Namoota lubbuun isaanii darbe lamaaniin alattis namoonni biroon afur miidhaan guddaan irra gaheera jetti itti-gaafatamtuun waajira komunikeeshinii aanaa Hinnaarjinaafi Hinnaawugaa aadde Xiruuseet Mangist BBCtti yeroo himtu.

Akka itti-gaafatamtuu kanaatti namoonni biroon afuris miidhaan salphaa irra gaheera.

Warra du'an keessaa nama tokko kan ta'eefi boombii sana qabatee kan ture maatii warra cidhaa keessaa yoo ta'u, miidhaa akka tasaa mudatedha malee ta'e jedhamee kan raawwatame hin turre jetti itti-gaafatamtuun waajira komunikeeshinii kun.

Namoota miidhaan irra gahe ammoo gargaarsa wallaansa fayyaa taasifamaaf jira.

Tatamsa'ina koronaavaayirasii hir'isuuf jecha mootummaan namoonni afurii ol ta'anii walitti qabamuu akka hin dandeenye daangessuun qophiiwwan akka cidhaa akka hin gaggeeffamneef dhowwuu isaa yaadachuun, aanicha keessatti qophiin cidhaa akka hin jiraanne hojjetamaa jira jetti Aadde Xiruuseet.

“Namoonni kun itti himamee akka cidha hin qopheesina taasifameera garuu dhoksaan qopheesina yeroo jedhanitti ture balaan kun kan uumame. [Cidha sana irratti] namoonni baayyeen hin hirmaanne.

Namni boombii sana qabatee tureefi lubbuun isaa darbe soddaa ture. Cidhi sun akka dhaabbatuf erga ajajni darbee booda ture gochu kun raawwatamee miidhaanis kan qaqabe," jette.

“Duraan dursinee hojii hubannoo uumuu hojjenneerra. Isa dide ammoo seeratti dhiyeessaa jirra. Aanaa kanatti xiyyeeffannaan itti kennamee hojjetamaa jira. Namoota baayyee dhiyeessinee gaafachuudhaan cidhi baayyeen addaan citeera.

Baayyees ammoo itti-gaafatamoo taasifneerra. Labsii ittisa koronaavaayirasiif labsame cabsuudhaan cidhaafi sadaqaa/taskaara warra qopheesse namoota 41 ol seeratti dhiyeessinee himanni irratti banameera," jechuun ibsiteetti itti-gaafatamtuun waajira komunikeeshinii kun.

Miidhaa qaqqabe kana waliin walqabatee namni shakkamee to'annaa jala oolfame jiraachuu isaa odeeffannoo akka hin qabne kan dubbatan Aadde Xiruuseet, "namni moombicha qabates lubbuun isaa darbeera. Namni cidhicha qopheesse ammoo itti-gaafatamuun isaa kan hin oolledha," jetteetti.

Poolisiin aanaa Hinaarjiinaafi Hinaawuugaa gama isaatiin namoota qoratan gara bakka rakkoon itti uumamee sanaatti erguun waanta uumame sana qorachaa akka jiranis BBCtti himaniiru.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa