Koronaavaayiras: Qaamooleen gareen yakka raawwatan weerara Covid-19'tti fayyadamuun hawaasa hawwataa jiru

Madda suuraa, Reuters
Laatiin Ameerikaatti qaamooleen gareen yakka raawwatan (gangs) weerara Covid-19'tti fayyadamuun hawaasa hawwataa jiru jedhame.
Pirezidaantiin Meeksikoo Loopez Obraadoor tibba kana dhimma kanarratti dubbataniiru.
Warri gareedhaan qindooftanii yakka raawaattanii lubuu lammiilee galaafataa jirtan maqaa hawaasa gargaaraatiin soch’uu dhiisaatii yakka raawwattan irraa of qusadhaa jedhan.
Meeksikoo keessatti namoonni qoricha sammuu hadoochu gurguran, Kolombiyaa keessatti kanneen qindaa’anii yakka raawwataniifi hidhattoonni Biraaziil carraa weerara covid -19 kanatti fayyadamuun gabaasaanii olkaafataniiru.
Gaafa Ebla 7 bara 2020 sa’aa booda wayita Kolombiyaan weerara koronaavaayirasiin qabamtee guyyaa 14 geessutti kutaa baadiyyaa biyyattiirraa gaddi guddaan dhalate.
Wayita mootummaan walirraa hiiquu hawaasaa gorsaa turetti, handhuura magaalaa Kolombiyaa Medeeliin jedhamtuu keessatti namoonni hedduun tuutaan ba’anii sirna awwaalchaa raawwachaa turan.
Namni Medeeliin jedham tokko waan dhukkuba onneetiin du’eef ture kan namoonni hedduun seera walirraa hiiquu hawaasaa cabsanii sirna awwaalchaa irratti hirmaataa turan.
Namni du'ee kunis duree garee warra yakka raawwatanii kanaa yoo ta'u, dhukkuba onneetiin mana hidhaa keessatti du'e.
Namoonni dhibba hedduun lakkaa'aamanis tuutaan ba’an iyyaafi waaqatti olqabanii dhukaasuudhaan akkuma kanaan duraatti sirna awwaalchaa isaa raawwataniif.
Ammas akkuma duraatii?
Akka xiinxaltoonni jedhanitti gabaan addunyaa sababa weerara koronaavaayirasiin wayita addaan citu gareen Ameerikaa Kibbaa keessatti qindaa’uudhaan yakka raawwatanis caasaan isaanii bittinnaa’aa jira.
Daangaan Meeksikoofi US wayita cufamu ammoo kanneen baala namaa hadoochu daldalan karaa socho’an dhaban.
Wayita addunyaan fuulashee gara weerara koronaavaayiras deebifattu isaan ammoo carraa kana fayyadamuuf hojiisaanii itti fufan.
Bitootessa darbe yakki namoota kunneeniin Meeksikoo keessatti raawwatame waggoota 13 as raawwatamee waan hin beeknedha. Namoota 153tu sababa kanaan lubbuu dhaban.
Caasaan daldalasaanii addaan ciccitullee Ameerikaa Kibbaa keessaati qaamolee gareedhaan yakka raawwatan ammallee qoricha sammuu namaa hadoochu daangaawwan biyyootaa ce’uuun dabarsuu hinuma yaalu.
Bara kana keessa Kolombiyaan kookeenii toonii 112 qabdeetti.
Aanga’oonni Biraaziil ammoo humni gareewwan qindaa’anii yakka raawwatanii hagam akka ta’e hubanneerra jedhu.
Kanneen gareen yakka raawwatan onneefi sammuu uummataa mo’achaa jiruu?
Namoonni qoricha sammuu hadoochu daldalanii fi gareen yakka raawwatan waqtii weerara koronaavaayiras kana sammuu fi onnee uummataa hawwachuu fedhaa jiru.
Sagantaa deggersaa qopheessuun hawaasa harka qalleeyyii kanneen mootummaarraa deggersa argachaa hin jirre hirphaa jiru.
Biraaziil keesatti erga Ministirri Fayyaa biyyattii Luiz Henrique Mandetta weerara koronaavaayiras to’achuu keessatti warra qoricha daldalanii fi hooggantoota warra gareen yakka raawwatanii waliin dubbachun barbaachisaadha jedhanii as gareen kun akkaan mul’achuu eegale.
Bakka namoonni harka qalleeyyiin jiraatan kanatti eentu aangoo harkaa qaba kan jedhu sirriitti hubatamuu qaba kan jedhan Obbo Mandettan bakki kun to’annoo mootummaa osoo hin taane to’annoo warra gareen yakka raawwatanii jala jirti jedhan.

Madda suuraa, Reuters
Gareen kun yeroo kanatti saaxilamaa jira.
Namoonni yaada xiinxalaa kaa’an akka jedhanitti jarreen kun hawaasa deggerra jedhanii utuma hawaasatti of mul’isanii daranuu saaxilamaa deemu.
Xiinxalaa siyaasaa Meeksikoo tokko akka jedhetti ji’oota dhufan keessatti gareewwan kunneen dadhabaa akka dhufan waanti akeeku jira.
Sababa weerara kanaatiin mootummaanis kutaa biyyaa hunda ga’ee to’achuu jiraachuurraan kan ka’e kanneen yakkarratti bobba’an mandhee dhabaa deemu jedheera.
Weerara koronaavaayiras to’achuuf hojiin mootummaan hojjetaa jiru warra gareen yakka raawwatanirratti dhiibbaa uumus mootummaadhaafis garuu yaaddoo guddaadha.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras













