Koronaavaayirasiifi oggansa: Biyyoonni dubartootaan ogganaman attamiin haala gaariin weerara koronaa to'atanii?

Dureewwan dubartootaa biyyoota sadii koronaavaayirasi ittisuuf tarkaanfii atattamaa fudhataniiru

Biyyooti akka Niiw Ziilaand, Jarmanii, Taayiwaan, Noorwaayifi biyyootiiin dubartootan hogganaman tokko tokko biyyoota biro waliin yeroo madaalamu lakkoofsi namoota Cobid-19 du'anii irra xiqqaadha.

Aanga'ooti siyaasaa isaaniis ilaalcha isaaniifi yeroo weerara knatti murteewwan fudhataniif midiyaaleen jajamaa jiru. Gabaasi Forbe dhiyeenya baase tokko 'fakkeenya hoggaansa dhugaa' jedheraani. "Dubartoonni rakkoo camaa maatii keenya irra ga'u akkamiin akka to'achuu dandeenyu addunyaa agarsiisa jiru" jedha Forbes barreefama isaanitiin.

Addunyaa keessatti hogansi biyyaa dubartoota %7 qofa ta'us qeeqxoonni akka dubbatanitti namootni qormaata Covid-19 salphaatti darbaa jiran harki caalaan dubartoota.

Kanaaf weerara koronaavaayirasii to'achuu irratti dubatoonni biyyaa hogganaan maaliiff caalaatti milkaa'uu?

Deebii atattamaa

Ministirri Muummee Ayislaand Kaatrin Jakobsdottir qorannoo vaayirasichaa lakkoofsa guddaan eegalte.

Lakkoofsi uummataa ishee 360,000 ta'us Ayiislaand gara dhuma Amajjii utuu namni vaayirasichaan qabame utuu biyyottiitti hin argamiin ture qajeelfamoota akka namootni 20 ol akka walitti hin qabamne jechuun weerara Covid-19 lolu kan eegalte.

Hanga ammatti (Ebla 20) namootni Covid-19 lubbuun isaani darbe 9 ta'u.

Taayiwaan keessatti Pireezdaant Tsai Ing-wen hatattamaan ture wiirtuu to'annoo weerara dhibee hundeessuun, vaayirasicha to'achuufi hordofuuf murtoowwan kan fudhatte.

Hanga ammaatti lakkoofsa ummaataa miiliyoona 24 keeessa namootni vaayirasichaan lubbuun isaanii darbe ja'a qofa.

Ministirri muummee Niiw Ziilaand Jasindaa Ardeern ammo murtee isa cimaa fudhachuun yeroo reefuu lakkoofsi namoota vayirasichaan du'ani ja'a qofa turetti sochii ugguruun biyyatti cufteetti. Ammatti lakkoofsi kun 20 qofa irra jira.

Biyya Ayislaandiitti osoo namni vaayirasichaan qabame jiraachuun hinbaramiin dura ture namoota 20 fi isaan oliin wan gahuun kan dhorkame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Biyya Ayislaandiitti osoo namni vaayirasichaan qabame jiraachuun hinbaramiin dura ture namoota 20 fi isaan oliin wan gahuun kan dhorkame

Biyyootiin yeroo weerara kanaatti haala foyya'aarra jiran kun dubatootaan hogganamuun alatti wanti isaan wal fakkeessu jira.

Hundi isaanii diinagdee guddataafi seera to'annoo faayyaa gaarii qabu. Kanaaf bu'aan kun wa'ee hoggansaatimoo tarii hoggantoota isaani dubartoota ta'uu isaaniiti?

'Waa'ee yaada addaa qabaachudha'

Hoggantoonni dubartootaa kun akkataan isaan itti siyaasa dalagan ga'ee guddaa qaba jedhu qeeqxonni.

"Dubartoonni mala hoggaansaa dhiroota irraa adda ta'e qabani. Garuu yeroo dubatoonni aangotti dhufan murtoo kennuu irratti ilaalcha addaa ni fidu, " jechuun UNtti hoggantuun Sagantaa Dubartootaafi shamarranii Dr Giitaa Rawoo BBCtti himaniiru.

Ilaalcha dhiraafi dubartii lamaanuu waan qabattuuf murtoo fooyya'aa akka qabaattu si taasisa," jetti.

Pirezidaantiin Taayiwaan Saay Ingi Ween aanga'ootaafi loltoota isaanii waliin

Madda suuraa, SAM YEH/AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaantiin Taayiwaan Saay Ingi Ween aanga'ootaafi loltoota isaanii waliin

Kolleejii Kings Landanitti Direektarri damee hoggaansa dubartoota Rozii Kampibeell 'maalootni hoggaansaa dhiiraa fi durbaaf jedhame kan uumamaan hin kennamne," jetti.

"Garuu akkaata hawaasa keessatti barren dubartoonni hoggaansa irra ta'an kan namaaf yaadaniifi kan mariin hojjatan ta'uun beekamu. Dhiirootiin hedduun ammo hoggantoota ofittoo ta'aniifi morkii keessa galan ta'uun beekamu," jetti.

Rakkoo siiyaasaa 'dhiirummaa agarsiisuu'

Hoggaantooti siyaasaa biyyoota akka US, Biraaziil, Israa'eel fi Hungarii , yeroo baayyee yemmuu dogoggora uumanitti nama biratti qabatu, akka birooti biraa ykn ammo namooti lammii biraa 'dhukkuba nutti fidan' jedhu.

'Tiraampifi Bolsonaaroo amala ofittummaa agarsiisuuf filataniiru. Akkana ta'uun uumamaan kan dhiigaa isaanii keessa jiru miti garuu akkana ta'uuf ofii filataniiru," jetti Piroofeessar Kaampibeel.

Pirezidaantii Biraazil Joyir Boolsonaaroo

Madda suuraa, Getty Images

Deebiin weerara Covid-19f kenname biyyaa biyyatti korniiyaa irratti utuu hin taanee dinaagdefi guddina biyyatti irratti hundaa'uun adda addadha.

Kanaaf hoggaantoonni dhiraa kan akka dhiroota Porof. Kampibeel jette hin ta'iin biyyoota isaani keessatti namootni vaayirachaan xiqqaa ta'n jiru.Hoggaanaan Kooriyaa Kibbaa Muun Jeeyin fi ministirri muummee Giriis Kayiriyakos Mitsotakiis fakkeenya ni ta'u.

Giriik weerara kana keessa kan darba jirtu gorsa saayinsaawaa ta'e fudhachuufi qajeelfama walirraa fagaachuu -utuu du'i hin jiraatiin dura hordofuuni.

Biyyootiin dubartiin hogganamanii garuu weerara vaayirasichaa to'achuuf rakkachaa jiran jiru.

Fakkeenyaaf MM Baangilaadish Sheyik Hasiinaa biyyaa lakkoofsa uummataa guddaa qabdu keessatti hanga tokkoo weerara kan to'achuu dandeesseetti.

Garuu daandeettiin qorannoo gaggeessuu biyyaattii murtaa'aa ta'e yaddoo uumeera. Akkasumas ogeessotti fayyaa biyyati hanqinni meeshalee isaan vaayirasichaa ofirraa ittisuuf fayyadamanii waan jiruuf yaddoo keessa akka jiran himu.

Murteewwan ciccimmoo

Weerara Covid-19 dhaabsisuuf hoggaantoonni murtee ciccimoo, kan diinagdee miidhu kan akka sochii ugguruu dursanii fudhachaa turani.

Filaannoowwan kun garuu yeroo gabaabaaf rakkoo siyaasaa fiduu danda'u kanammooo 'hoggantoonni beekkamtiif hojjatan hin barbaadanii" jetti Piroof Kaampibeel.

Fallaa kanaan hoggantoonni durbaartii tokko tokkoo rakkoo biyyi isaanii keessa jirtu ifummaan dubbachuun ummaata biratti fudhatamummaa argataniiru.

Hoggantuun Jaramnii Anjekaa Markiil ariitiin ture Covid-19 rakkoo "baayyee guddaa ta'uu" isaa amantee kan dubbatte.

Adeemsii ministirooti muumee dubaraa Noorwayii fi Deenmaakis hoggaantoota dhiraaa fallaa isaanii ta'an irraa addatti beekamtii kenneeraafi.

Angeelaa Markeen

Madda suuraa, Clemens Bilan - Pool/Getty Images

"Murtee foyya'aa''

Akka ibsa Gamtaa Interparliamentary'tti adduunyaa irratti oggeeessota fayyaa keessa %70 dubartootadha, ta'us garuu bara 2018tti hoggantoota 153 filataman keessa dubatoonni 10 qofa turani.

Paarlaamoota addunyaa keessaa harki tokko afuraffaan qofatu dubartooat. Dr Guptaan dubatoonni hedduun aangoo hoggansaa argachuu qabu jetti.

Kun dandeetti murtoo murteessuu ni foyyeessa jetti. "Murteewwan kutaalee hawaasaa gariinuuf hin tanee hundaaf fayyadan gochuun si barbaachisa."

"Sababa dubratii ta'aniif hoggantonni kun ga'eefi itti gaffaatamuumaa isaaniif hawaasa keessatti keenaameen jireenya isaanii keessatti shakala akkanaa ni qabaatu. Kanaaf dandeettii murtee murteessuufi ilaalcha isaanii keessatti shakallii ga'ee qabaachuu mala," Jetti.

Anga'oota dubartootaa maaskii fuulaa kaawwatan

Madda suuraa, Reuters

Dabalataan Dr Guptaan yeroo kanatti dhibbaa hawaasaa fi dinagdee Covid -19 dubatootaafi dhiroota irratti fidaa jiru akkeekkachiifteetti. Haleellaan maatii keessaa, beelliifi wal qixxummaa dhabuun miindaa koorniyaa jira jetti.

"Gara boodaatti mucuchaachaa jirra," jetti. "Yoo murteewwaan weerara kanaaf fudhannuu wantoota kana ilaalcha keessa hin galchu ta'e, rakkooleen duraan qabnu daran guddachaa deemuu malu."

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa