Koronaavaayiras: Ameerikaatti fedhiin dhibuusaatiin gatiin boba'aa seenaa keessatti 'negatiiva' keessa gale

Madda suuraa, Getty Images
Ameerikaatti seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif fedhiin boba'aa dhabamee gatiin isaa negetiiva keessa gale.
Kana jechuunis - oomishtoonni boba'aa duraan namuu kanfalee irraa bitatu, amma isaantu dabareen namoota irraa bitanitti kanfalanii itti gurguru.
Kunis sodaa Caamsaa keessa iddoo itti kuusnu dhabuu malla jedhuun.
Yeroo weerara koroonaavaayiras kanatti namuu karra cufatee manatti erga galee booda, fedhiin boba'aas akkasumatti hir'ate.
Kanarraa ka'uudhaan, dhaabbileen boba'aa dhiyeessan bakka itti isa harka isaaniitti kufe kana kuusan taankarii soquutti jiru. Kana ta'uun isaa ammoo gatiin boba'aa Ameerikaa keessatti zeeroo gadi darbee negatiive keessa galeera.
Gatin boba'aa barmeela tokkoo kan duraan US keessatti ka'umsa ture ykn West Texas Intermediate (WTI) jedhamuun beekamuu gadi bu'uu qofaa osoo hin taane gatii ka'umsaa kaawwamen gaditti $37.63 hir'ateera.
Gabaan boba'aa yeroo baayyee gatii gara fuula duraatiin shallagama waan ta'eef ji'a Caamsaa itti aanu kana keessa kampaanonni dhiyeessan fedhii waan dhabaniif akka malee kufeera. Baatii Caamsadhaaf fuudhanii kan ol kuusuun isaanirra ture, kuusaan akkuma qabameetti waan jiruuf ammatti fedhiin dhibeera.
Gabataa gadii kun ammoo gatii boba'aa bara 2000-2020 jiru kan agarsiisudha.

Gatiin boba'aa Waxabajji dhufuufis akka gatii ka'umsaa WTI jedhamu kanaan kufaadha, garuu barmeela tokkotti $37.63 hir'achuurraa gara $20 deebiya jedhamee eegama.
Akka gabaa Awurooppaafi addunyaatti ammoo ka'umsa gatii boba'aa ta'ee kan gargaaru Brent Crude kan jedhamudha. Akka ka'umsa gatii kan Awurooppaa/addunyaa kanattis gabaan boba'aa %8.9n gadi bu'uun barmeela tokkotti $26 gadi ta'eera.
Industriin boba'aa karaa lama wallaansoo qabaa jira - fedhiin gabaa dhibuu isaatiifi walmorkii omishtoonni hanga omisha isaanii hir'isuu qaban irratti jiru.
Jalqaba baatii kanaa, miseensonni gamtaan biyyoota boba'aa omishanii Opec jedhamuun beekamuufi deggertoonni gamtichaa seenaa keessatti isa jalqabaati kan jedhame boba'aa omishanii dhiyeessuu haalaan gadi buusuuf waliigalteerra gahanii turan.
Haata'u mallee, xiinxaltoonni tokko tokko akka jedhanitti hangi isaan omisha isaanii hir'isuuf waliigalan ammallee xiqqaadha jedhu.
Biyyoonni boba'aa biyya alaatti erguudhaan dursan - Opec fi deggartoota isaa warra akka Raashiyaa - omisha isaanii kan kanaan dura hin turreen gadi buusuudhaaf waliigalaniiru.
Ameerikaafi addunyyaa eessattiyyu, hojiin boa'aa omishuu murtee dhiyeessa hir'isuu fudhataniiru. Akkas ta'ee ammallee, addunyaan boba'aa jikitaa hanga fayyadamtuun ol kuufattee jirtu.
Boba'aan kun hanga waan fayyadamuu dandeenyuu qofaas miti. Hanga tarkaanfiin sochii dhorkuu kun ka'ee fedhiin gabaa boba'aa deebiyuutti kuufachuu danda'uutis.
Dandeettiin kuufachuu lafaafi galaanarraan guutaa jira. Adeemsi kun ammoo waan itti fufuuf ammallee gabaan boba'aa kana caalaa akka gadi bu'u taasisa jedhamaa jira. .
Gabaa bob'aa kana bakka isaatti deebisuudhaaf fedhiin deebiyuu qaba. Kun ammoo hangam rakkoon fayyaa addunyaa mudate kun akka furmaata argatu irratti hundaa'a.














