Koronaavaayiras: Paakistaanitti namoonni seera cabsuun sirna awwaalchaa maatiirratti argaman poolisiin to'ataman

Madda suuraa, Anjumaa Mahaammud
Namoonni labsii Paakistaan akka lammileen biyyattii manaa hinbaane labsite cabsuun sirna awwaalcha fira isaaniirratti argaman to'annoo jala oolfaman.
Qajeelfama weerara koronaavaayirasii ittisuudhaaf Paakistaan dabarsite kana cabsuun namoota to'annoo poolisii oolfaman keessaatti maatiin Dr. Hanjuum Mahaammud keessatti argamu.
Doktoricha jalaa haati sababa dhibee Covid-19 kan duute yoo ta'u, maatiin isaa haadha ogeessa fayyaa kana awwaaluu deeman to'atamaniiru.
Firoonni isaa kaan ammoo manaan ala bakka biraatti karri itti cufamee poolisiin eegamaa akka jiran BBCtti himeera.
Aanga'oonni naannoo sanaas miseensonni maatii doktorichaa 20 ta'an bakka qofaatti adda baafamanii tursiifaman keessa akka jiran ibsaniiru.
Maatii isaas ta'e inni kan jiraatan biyya Ingiliiz yoo ta'u gara Paakistaan kan deeman ammo cidha isaatiif meeshaaleen barbaachisan bitachuuf ture.
Osoo weerarri koronaavaayirasii kun hin uumamne ta'ee guyyaan cidha isaa kan qabame ji'a Bitootessaa keessa ture.
Yeroo Paakistaan keessa turan kana keessatti haati isaa vaayirasichaan du'anii booda gaafa guyyaa lamaffaa ammoo maatiin isaa awwaalcha haadha isaatiif bahan poolisiin to'ataman.

Madda suuraa, Anjum Mahmood
"Sirna awwaalaa sana irratti sagantaan kadhannaa yeroo xumuramuuf jedhutti poolisoonni hedduun konkolaataan dhufaniinamoota 25 ta'an kan to'annoo jala oolchan," jedha doktorichi.
Koronaavaayirasiin qabamanii kan turan abbaan doktorichaas bakka dhukkubsattoonni Covid-19 adda itti baafamanii kunuunfaman akka galan taasifamaniiru.
"Abbaan koo nama umuriin isaa waggaa 74 ta'edha, yeroo lapheen isaa gaddaan cabee jiru kanatti bakka baayyee nama dhiphisu keessa galchuun sirrii miti," jedhera.
"Osoo koronaavaayirasiirraa bilisa jedhameellee bakka adda itti baasanii tursiisanii gadi dhiisuu hin danda'an."
"Firoonnikoos saatii 24 darban itti cufamee midhaaniifi bishaan malee jiru," jedha.
Komishinarri itti-aanaa poolisii naannichaa Anuwaar Jaappaa sirna awwaalchaa irratti qajeelfamni darbe hojiirra hin oolle jedhan.
Haata'u malee, Dr. Hanjuum yaada komishinarichaa waliin waliif hin galle. Akka qajeelfama darbeetti namoonni fageenya hawaasummaa isaanii eeggatanii ture, akkasumas namoonni baayyeen sirna awwaalcha sana irratti hin argamne waan ta'eef jedhera.

- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Biyyoota Eshiyaa danbaliin koronaa lammaffaan mudataa jira?
- Koronaavaayiras ofirraa ittisuuf harka ni dhiqattu, bilbila keessan hoo akkamiin qulqulleeffattu?
- Gaaffii koronaavaayirasii irratti dhihaatanif deebii kenname
- 'Yeroo Covid-19 hammaatetti intarneetiin Lixa Oromiyaatti cufame turuun isaa baay'ee nu yaachise'














