Koronaavaayiras: Addunyaarratti biyyoonni 18 Covid-19 keessatti hinargamne kami fa'ii?

Odola

Madda suuraa, Getty Images

Koronaavaayirasiin biyya Chaayinaatti mul'atee yeroo ji'a sadii hin caalle keessatti saffisaan tatamsa'uun addunyaa waliin gahaa jira.

Ji'a sadiin dura Chaayinaan alatti biyyii addunyaa kamiyyuu waa'ee koronaavaayirasii quba hin qabu ture. Amma garuu biyyoota addunyaa hedduu qaqqabuun rakkoo addunyaa isa guuddaa ta'ee jira.

Lakkoofsi namoota vaayirasiichaan qabamanis addunyaarratti saffisaan dabalaa deemuun - namoota miliyoona tokkoo ol qabeera.

Haata'u malee, biyyoota 193 miseensa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ta'an keessaa hanga Ebla 3 bara 2020'tti biyyoota 18 keessatti namni qabame jiraachuun hin gabaafamne.

Hanga Ebla 2, 2020tti Maalaawii dabalatee biyyoonni covid-19 hin seeniin 19 turan. Maalaawiin garuu kaleessa (Ebla 3, 2020) nama dhibee kanaan qabame biyyashee keessatti argamuu gabaafteetti.

Maalaawiin tatamsa'ina dhibee kanaa ittisuuf jechas labsii yeroo muddamaa labsuun, manneen barnoota cuftee uummatashee miliyoona 18 koronaavaayirasii irraa ittisuuf carraaqaa jirti.

Biyyoota Covid-19 keessatti hin mul'atiin keessaa kan akka Komoroos, Lesootoo, Odola Maarshaal, Sudaan Kibbaa, Yaman, Saa'oo Toomeefi Piriinsippee, Tajaakistaan fa'iidha.

Iddoo dhibeen kun akka hin qaqqabnee gabaafame keessaa 10 odola xixiqqoo namoonni daawwannafillee hin dhaqnedha.

Akkasumas, biyyoota dhibeen kun keessatti hin mul'anne jedhamu kanneen keessaas namoota muraasatu daawwata.

Biyyoonni xixiqqoon naannoo garba guddaa Paasfiik jiran kanneen akka Naawuuruu, Kiribaatii, Toongaafi kanneen biroos labsii yeroo muddamaa labsuun dhibichi biyya isaanii akka hin seenne to'achuuf dhamahaa jiru.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa

Ogeessii fayyaa hawaasaa duraanii Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr. Kooliin Tukuyitoongaa, ''biyyoonni kunneen sirna eegumsa fayya cimaa hin qaban. Akkasumas afuursituu ( ventilator) illee hin qaban,'' jedhu.

Namoonni odoloota kanarra jiraatan baay'een isaanii duraaniiyyuu fayya buleeyyi miti. Dhibee sukkkaaraa,i dhiibbaa dhiigaafi rakkoo onneetiin walqabatu qabu jedhan.

Biyyoota 18 haga ammaatti koronaavaayirasiin keessattu mul'achuu hin gabaafamiin jiru keessaa tokko Kooriyaa Kaabaadha. Biyyattii kana keessattis namni aqabame kan gabaafame dhibus, yoo xiqqaate biyya hollaa ishee Kooriyaa Kibbaa dhibee kanaan miidhamteen naannoo waldaangessan irrattillee mul'achuu hin oolu jedhu namoonni.

Kooriyaan Kaabaa garuu yeroo addunyaan weerara koronaavaayirasii ittisuuf oliifi gadi jedhaa jiru keessa yaalii misaa'elii fuguggisuu gaggeessaa jirti.

Kooriyaa Kaabaa keessatti namni Covid-19n qabame hin gabaafne, yaaliin nuukilara furguggisuu garuu gabaafamaa jira

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Kooriyaa Kaabaa keessatti namni Covid-19n qabame hin gabaafne, yaaliin nuukilara furguggisuu garuu gabaafamaa jira

Maalaawiin guyyootaan dura biyya Covid-19 hin seenne keessatti eeramti ture. Amma garuu namoonni qabaman jiraachuu gabaafteetti.

Akka Dr. Maak Feroosan jedhanitti dhibeen kun gara tokkoo tokkoo biyyoota dachee kanarra jiruutti seenuu akka danda'u ragaan ni agarsiisa jedhu.

Kanaaf, addunyaa kanarraa bakki Covid-19 yeroo dhumaaf seenu eessadha laata?

Yunivarsiitii Saawuzhampitenitti qorataan sirna ummataa faffaca'anii jiraataniifi dhukkubooota daddarboo Piroofesar Andii Taateem, odoloonni fageenyarra jiran kan akka naannoo Paasifiik Kibbaa nagaan kan jiran fakkaatu jedhu.

"Garuu dinagdee addunyaa walkeessa ta'e kana keessatti bakki weerara dhukkuba kana jalaa oolu waan jiru natti hin fakkaatu."

Karra cufatanii yeroodhaaf turuu yaaluun ni danda'ama ta'a, garuu yeroo dheeraadhaaf hin turu.

"Biiyyoonni baayyeen wantoota alaa galfatan kan akka nyaataa, meeshaafi galii turiizimiirratti hundaa'u ykn waan ofii qaban ergu.

Kanaaf, yeroodhaaf guutummaatti cufuu yaalanillee waan miidhaa qabuuf adeemsa keessa banuun isaanii waan oolu miti."