Koronaavaayiras: Indiyaatti COVID-19 to'achuuf nama manaa bahuu dhorkuun rakkoo biraa dhale

Madda suuraa, Getty Images
Indiyaan lammileen ishii 1000 ol ta'an vaayirasii COVID-19'n qabamuu fi namoonni 27 du'uu erga ibsite booda tajaajila geejjibaa hunduma cuftee, namni akka manaa hin baane dhorkite.
Lammilleen biyyattii manatti ugguramuusaanitiin rakkina isaanitti hammaate jalaa baqachuu eegalan.
Lammilee biyyatti rakkachuu himatan keessaa tokko Gohutum Lal Meena jedhama.
Mandara Kaaba bulchiinsa Rajastaan ollaa Gujaaraatitti argamutti kan godaaneef duraan hojii ijaarsaarratti hirmaatuun of jiraachisa ture.
Otoo lammileen biyyatti mana akka turan hin labsamiin dura Gujuraat iddoo jedhamutti guyyaatti amma maallaqa biyyatti Ruuppii 400 ($5.34) argata. Kan argatu keessaas maati saaf ergaa ture.
Indiyaan lammileen biyyatti guyyoota 21'f mana akka turaniif akeekkachisaa sa'aatiin 4 yoo hafu hojiirra akka oolfamu erga labsiteen booda garuu maallqani inni dafqee argatu harkaa one.
Akeekkachisni Bitootessaa 24 kenname kun to'annoo Koronaavaayirasii dhaabuuf halkan qixxeen labsamuutu himame. Sababii kanaaf innis gara manaatti deebi'e.
Lammileen magaalaa guddoo biyyattii Deelhii keessatti hojii humnaa hojjechuun jiraatan kumaatamaan lakkaa'aman erga labsiin kun labsamee booda gara ganda itti dhalataniitti galuuf jecha manaa bahani.
Geejjibni waan hin jirreef, namni wal dhiibuufi iddoo tokkotti hedduummachuurraa kan ka'e rakkoon guddaan uumameera.

Madda suuraa, Getty Images
Haalli ho'insa biyyatti keessaatti wayita dabalaa jirutti, obbo Meenaan cirraacharra kophee silippariin deema- tajaajilli geejjibaa cufaa waan ta'eef geejjiba dhabuu himata. Biskutii fi bishaaniifan du'a oole jedha.
''Halkaniif guyyaan deeme, filannoo maaliin qabas, maallaqas ta'ee waanin nyaadhu hin qabu'' jedhe sagalee addaan ciccituun rakkina isa mudate himata.
Isa qofaa miti kan rakkate, hojjattootni miliyoonatti lakka'aman kanneen magaalota biyyattirraa godaanan araddaa keessatti dhalataniitti deebi'uuf wayita yaalan rakkoof saaxilamaniiru.
Hojjattoonni akka isaati kun garuu dinagdee magaalotaaf bu'uuradha. Manneen ijaaruu, soorata bilcheessuu,dhiyeessuu, Qaajjisa mataa(rifeensa) sirreessuu, konkolaataa suphuufi hojilee biroo irratti hirmaatu.

Madda suuraa, Getty Images

- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Biyyoota Eshiyaa danbaliin koronaa lammaffaan mudataa jira?
- Koronaavaayiras ofirraa ittisuuf harka ni dhiqattu, bilbila keessan hoo akkamiin qulqulleeffattu?
- Gaaffii koronaavaayirasii irratti dhihaatanif deebii kenname
- 'Yeroo Covid-19 hammaatetti intarneetiin Lixa Oromiyaatti cufame turuun isaa baay'ee nu yaachise'

Hojjattoonni kunis miliyoona 100tti kanneen lakka'amaniifi hiyyummaa baqatanii magaalaa keessa iddoo harka qalleeyyiin itti hedduummatan jiiraatu.
Torban darbe keessa labsiin biyyattiin lammileen ishee akka manaa hin bane labsite namoota galii gadi aanaa qaban kana halkanuma tokkichaan gara godaantotaatti isaan geeddare.
Iddoon hojiisaanii ni cufame, kontiraaktaroonni isaan qacaranillee fixeensa ganamaa ta'anii dhabaman.
Torban darbe keessa daa'imman, dubartoonni fi dhiironni guyyaa guutuu karaarra imalaa turan. Ijoollee isaanii deemsa kanneen dadhaban maatiin isaanii gateettiitti baatu.

Madda suuraa, Getty Images
Kaan isaanii waan nyaatan, bishaanii fi uffata shaanxaa (borsaatti) qabatanii deemu.
Baay'een isaanii 'ni beelofnaa laata?' jedhanii yaadda'u- Maallaqa hin qabnu jedhanii himataa deemu.
Gaazexaan biyyatti Indian Express jedhamu maxxaansa isaarratti mata duree "India is walking home" ykn 'Indiyaan mana miilaan adeemu' jedhee dhimma kanarratti barreessera.
Godaansa akkasii kun waraanaa bara 1947 wayita biyyattiin Paakistaan waliin gargar baatu ture nama yaadachiisa.
Bara sanatti namoonni miliyoona 15 kan godaanaan yoo ta'u, godaantonni miliyoonatti lakka'aaman bahaa fi dhiha Paaksitaanitti bubbisaa turusaanitu yaadatama.
Yeroo sanatti hojjattoonni kumaatamatti lakkaa'aman manasaantti deebi'uuf beelaa fi dadhabbii wajjiin qabsoo jabduu keessaa seenan.
Lammilee biyyatti manatti ittisuun weerara dhibee kana to'achuuf labsiin bahes rakkoo namoomaa qaqqabsiisutti ce'eera.













