Koronaavaayiras: “Hamma rakkoon kun darbutti lammii keenyarraa kiraa manaa hin nyaannu” Magaalaa Dukam

Warri Duukam nama sababa koronaavaayirasiitiin hojii dhiisee mana oolaa jiru kiraa manaa kanfalchiisuu dhaabaa jiru.
Erga dhibeen Koronaavaayiras biyya keenyatti seenee fedhiin walgargaaruu fi walbira dhaabbachuu namoota dhuunfaaniis ta'ee kan dhaabbilee mul'achaa jira.
Abbootiin qabeenyaa gamoowwan, konkolaattotaafi meeshaalee garagaraa kennanis magaalota hedduu keessatti baayyinaan mul'achaa jiru.
Magaalli Dukam bakka indastiriin guddaan itti argamu waan ta'eef namoonni hojii humnaa fi warshaalee keessa hojjetan baayyinaan keessa jiraatu.
Jiraattonni Magaalaa Dukamis yeroo rakkoo kanatti namoota galii gadi aanaa qaban kanneen mala ittiin deeggaran qopheeffatanii hojiirra oolchaa jiru.

- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Biyyoota Eshiyaa danbaliin koronaa lammaffaan mudataa jira?
- Koronaavaayiras ofirraa ittisuuf harka ni dhiqattu, bilbila keessan hoo akkamiin qulqulleeffattu?
- Gaaffii koronaavaayirasii irratti dhihaatanif deebii kenname
- 'Yeroo Covid-19 hammaatetti intarneetiin Lixa Oromiyaatti cufame turuun isaa baay'ee nu yaachise'

Obbo Guutaa Yadasaa jiraataa magaalaa Dukam yoo ta'an, magaalicha keessatti mana jireenyaa kireessanii galii irraa argatan mooraa lama keessa kan jiraatan kiraa manaa kanfalchiisuu dhaabeera jedhu.
"Ani akka jiraataa magaala Dukamitti mooraa kireeffamu lama guutuu kanfalchiisuu dhaabeera. Namootni harka qalleeyyiin akka hin rakkanneefii warra kaanis gargaaruuf," jedhu
Kiraa manaa kanfalchiisuu dhiisuu kanaan alattis namoota mana itti kireessan kana midhaan kennaniifii deeggaruuf akka qophaa'anis himu.
"Ani qonnaan bulaadhasi, jiraataa magaalaatis. Lafa qonnaa nan qaba midhaan nan omisha. Kanaafuu kiraa manaa dhiisuu qofa osoo hin taane midhaanilleen namaa kennuudhaaf qophiidha," jedhan.
Hanga rakkoon koronaavaayirasii kuni fala argatutti gargaarsa kana akka itti fufanii fi lammii isaanii bira dhaabbachuuf waan barbaachisu hamma lubbuutiyyuu kanfaluuf qophiidha jedhu Obbo Guutaan.
Kantiibaan magaalichaa Obbo Tashoomaa Girmaa Bulchiinsi magaalaa Dukam rakkoo kana qolachuuf galgala waamicha dabarsinee lakkoofsi namoota kiraa manaa kanfalchiisuu dhaabnerra jedhanii hamma eegneen olidha jedhu.
"Waamicha kana karaa miidiyaa hawaasaatiini kan jiraattotaaf dabarsine. Namni hundi kiraa manaa dhiisuudhaan yeroo rakkoo kanatti walgargaaruuf fedhii guddaa mul'ise.
Galgala ergaan darbee hanga ammaatti namni 300 caalu mana 512 kan ta'u kiraa kanfalchiisuu dhaabaniiru. Lakkoofsi kuni saffisaan dabalaa jiras," jedhan.

Madda suuraa, AFP
Kaleessarraa (Wiixata) eegaluunis namootni hedduun uunka dhimma kanaaf qophaa'e guutuun ganda hunda keessaa deeggarsa kanarratti baay'inaan hirmaachaa jiraachuus himan.
Hojjettoota hedduu kan qabu warshaan indastirii zoonii Eastern, magaalichatti argamus kanneen nyaataa fi qorichoota adda addaa omishaniin alatti hojjettoonni akka hojii dhaaban ta'uus himu.
"Warshaaleen hedduun yeroo rakkoo kanatti waan nama boonsu godhaniiru. Hojjettoota isaanii hojii yeroo dhaabsisan kanneen mindaa guutuu, kiraa manaa fi nyaata manatti nyaatan hanga kg25 kennanii gaggeesanis jiru," jedhan.
Jiraattootni magaalaa Dukam kireeffattoota isaanii kiraa manaa kanfalchiisuu dhaabanii fi warshaalee hojjettoota isaanii deeggarsa fakkeenyummaa qabu godhanis galateefataniiru Obboo Tashoomaan.












