Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayirasiifi filannoo: 'Murteen boordii filannoo faayidaa paartii aangoorra jiru kan eegsisudha' - B/J Kamaal Galchuu
Ibsi Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa kaleessa baase boordichi filannoo biyyaalessaa Hagayya 23 bara 2012 adeemsisuuf karoorfate yeroo jedhametti raawwachuu akka hin dandeenye hima.
Sababni immoo weerara Koroonaavaayiras ta’uu fi dhimmicharratti paartilee siyaasaa, Ministeera Fayyaa fi michuuwwan idil addunyaa walin mari’achuu isaas himeera.
Dabalataan ibsi Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa “boordichi sodaan weerarichaa badee haalawwan yeroo mijaa’anitti gamaggama gochuun karoora raawwii filannoo haaraa baasun sochii eegalsiisa,” jedha.
Haa ta’u malee murteen Boordii Filannoo Biyyaalessaa paartilee siyaasaa morkattootaa biraa yaadawwan garaagaraa kaasiseera.
“Akka dhukkubichi biyya seenen dura teessuun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Burtukaan Miidhagsaa paartiilee siyaasaa walitti qabuun filannichi sababa Koronaavaayirasiin torbee lamaan dheerachuu isaa nutti himanii turan” kan jedhan dura taa’aan Paartii Biyyaalessaa Oromiyaa B/J Kamaal Galchuu, sana booda mariin boordii filannoo walin taa’an akka hin jirre himu.
“Murtee boordii filannoo akkuma hawaasa biroo dhageenye malee yaadichi dursa nun geenye.
Murteen boordichaas faayidaa paartii aangoorra jiruu kan eegsisu dha” kan jedhan B/J Kamaal Galchuu “rakkoo fedhe keessa ta’ullee mootummaan kun filannoo gaggeessee mootummaa seerawaa uumanni sagaleen filate argamuutu irra ture” jedhan.
Yoo kuni hin taane “deebi’ee filannoon akka gaggeeffamu wabii maal qabna?” jechuunis gaafatu.
Boordin Filannoo gaafii fi yaaddoo paartiilee siyaasaa furaa akka hin jirre akkasumas hidhaa fi uggura caasaa mootummaatin raawwatamuf boordichi deebii kennuu dhiisuu isaatin yaadni boordichi filannicha dheeressuf qabate amansiisaa akka hin taanee B/J Kamaal Galchuu himaniiru.
“Dhimmichi seeraan akkamitti ilaallama kan jedhuf hayyootni seeraa akka irratti hojjetan taasisaa jirra. Ija siyaasaatin garuu wanta nagaa biyya tanaatif barbaachisaa fi murteessaa ta’e rakkoo kamuu keessatti hojjetaa keessa darbu.
Waraana keessattuu ni hojjetama. Yeroo isaaf ta’etti IHADEG lolli gaggeeffamaa filannoo gaggeessee beeka. Yoo isaaf hin taane immoo sababa fedhe kaayaa filannoo akkasitti daddabarsuun gama keenyaan fudhatama takkallee hin qabu” jechuunis dubbatan.
'Koroonaavaayirasii akka carraatti'
Rakkoon Koroonaavaayiras waan mootummaan dhufe akka hin taane fi rakkoo idil addunyaalaa akka ta’e kan himan dura taa’aan Koongirasii Federaalawaa Oromoo Piroofeesar Mararaa Guddinaa, qaamni biyyattii bulchaa jiru “waan kana akka hin taanetti dhimma akka itti hin baane barbaadna,” jedhan.
Dabalataan waan kana akka carraatti fudhachuunis biyyattii garta fulduraatti deemsisuu fi filannoo dhuga-qabeessa adeemsisuu irratti hojjetamuu akka qabu himan.
''Waan akka addunyaatti dhufedha. Gara kanatti akka deemamu eegamaa ture,” kan jedhan Profeesar Mararaa “isa caalaa nu yaaddessaa kan tureefi jiru boordiin filannoo qophii gahaa qabaachuu dhiisuu isaa fi mootummaan biyya kana gara waliigaltee biyyaalessaatti deemsisee; filannoo sabni amanuu danda’u akkamitti adeemsisuu dandeenya kan jedhu irratti wanti taa’e jiraachuu dhiisuu isaati,” jedhan.
'Filannichi yeroo jedhametti adeemsifamuu akka hin dandeenye eegaa turre'
Gama biraatin yeroo ammaa sochii siyaasaa guutummaatti dhaabanii duula ittisa weerara Koroonaavaayiras irratti hojjechaa akka jiran kan himan itti aanaa dura taa’aan paartii Sosochii Biyyaalessaa Amaaraa /ABN/ Obbo Yusuf Ibraahim “boordii filannoo biyyaalessaa walin mariiwwan tokko tokko taasisaa turre.
Filannichi yeroo jedhametti adeemsifamuu akka hin dandeenye nullee eegaa turre. Garuu murtee boordii filannoo irratti akka dhaabaatti ejjennon qabanne hin jiru” jedhan.
Hojiin uummata dhibicharraa tiksuu hojii ammatti adda durumaan hojjetamuu qabu ta’uu isaa fi yeroo weerarri vaayirasichaa tasgabbaa’etti garuu dhimmi filannoo dhimma marii, mormii akkasumas gaafiwwan heeraa kaasisuu danda’u akka ta’e Obbo Yuusuf BBCtti himaniiru.
Kanaafis gara fulduraatti waltajjiin marii furmaata haqa-qabeessa argamsiisuu danda’u qophaa’uu akka qabu dhaaman.