Chaad liqaa Aangoolaa doolaara mil. 100 looniin kafaluu eegalte

Chaad biyyoota loon gara gabaa addunyaaf dhiyeessaan keessaa tokko

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Chaad biyyoota loon gara gabaa addunyaaf dhiyeessaan keessaa tokko

Chaad liqaa doolaara miliyoona 100 Angoolaa irraa liqeeffattee waggoota 10 itti aanaan keessatti looniin kafaluuf waliigalteef loon erguu eegalte.

Loon marsaa duraaf fe'aman 1000 Kibxata magaalaa guddoo Aangoolaa Luwaandaa gahuu barrun biyyattii 'Jornal de Angola' gabaaseera.

Loon tokkoo doolaara 1333'tti kan tilmaaman yoo ta'u, walumaagalatti biyyattiin loon 75,000 waggoota 10 keessatti Aangoolaaf ergiti.

Waliigaltichi rakkina biyyoonni lamaan qaban - Chaad hanqina maallaqaa qabdu, Aangoolaan ammoo hanqina loonii qabdu furaaf jedhame.

Chad horii 1000 amma ergamanitti dabalataan ji'a kana loon 3,500 erguuf qophii qabdi.

Liqaan kun bara 2017 kan fudhatame yoo ta'u yaada looniin kafaluu kan dhiyeessite Chaad yoo taatu, loon daran xiqqaa kan qabdu Aangoolaan yaadichatti waliigalte.

Aangoolaan irra deddeebiin gogiinsi waan ishee mudatuuf loon jalaa dhumanii lammileen ishee hedduu hiyyummaaf saaxilamaniiru.

Biyyattiin boba'aan kan badhaate taatullee erga kolonii jalaa baatee booda waraana waliinii waggaa 27'f itti turterraa guutummaatti hin dandamanne.

Loon miliyoona 94 ta'an kan qabdu Chaad Dhaabbata Fayyaa Addunyaan 'biyya akka gaariitti loon horsiiftu' jedhamtee turte.

Wantoota biyyattiin gara alaatti ergitu keessaa dhibbeentaan 30 omishaalee looniiti. Kunis boba'aatti aanun kan biyyattiin sharafaa alaa guddaa irraa argattu.

Onkoloolessa darbe Baankiin Addunyaa sababa rakkoo nageenyaa naannicha keessa jiruufi ol bahuufi gadi bu'uu gatii boba'aarraa kan ka'e diinagdeen biyyattii raafama keessa jira jedhee ture.