Ameerikaafi Taalibaan waliigaltee nageenyaa mallatteessan kanaanis Ameerikaan loltootashee achii baasuuf waliigalteetti

Ameerikaafi Taalibaan waliigaltee nageenyaa mallatteessan. Kanaanis Ameerikaan loltootashee guyyaa 14 keessatti baasuuf waliigalteetti. Waliigaltichi waraana waggaa 18 ni dhaaba jedhamee yaadama.

Ibsi kan keenname Ameerikaa fi Afgaan wal ta'iin har'a Kaabuuliitti kan kennaniinidha.

Waliigalteen Sanbata har'aa Kaataar keessatti mallatteefame jiru kunis kaayyoonsaa walitti bu'insa waggoota 18 oliif Afiigaanistaan keessa tureef daandii nageenyaa mijjeessuurratti kan kiyyeeffateedha.

''Walta'insichiis humnoota waraanaa Afgaanistan keesstti hafan baasuu waliigalteen waloo Ameerikaafi Taaliiban mallatteeffamee baatiiwwan 14 keessatti kan xumuramu ta'a.

Kunis kutannoo Taalibaan waliigaltee mallattaa'uuf abboomamuuf qabduurratti kan hundaa'e ture,'' jechuun ibsii waloo Ameerikaafi motummaa Afgaanistaaniin bahee himeera.

Ameerikaan Fuulbaana bara 2001'tti garee Al-Qaa'idaa Afigaanistaan keessatti bu'urreeffataniin halleellaan raawwatamee torbaan muraasaan booda biyyatti keessa qubatan.

Tibba walitti bu'insaa sanattis loltooti Ameerikaa gara 2,400 ajjeefamaniiru. Kanneen gara kuna 12 ta'an ammoo ammaalleen biyyatti keessatti bu'ureeffachuun jiru.

Pirezidaanti Tiraampi ammoo walitti bu'iinsicha dhaabuuf waadaa galanii jiru.