Qoqqobbii pilaastikaa Keeniyaa: Daldaltoonni muduraa sadi Naayiroobii keessatti to'annaa jala oolan

Namoonni miidiyaa hawaasummaa fayyadaman namoota to'annoo jala oolfaman gargaaruuf miidiyaalee hawaasummaarratti maxxansaalee adda addaa maxxansaaru.

Daldaltoonni muduraa sadeen kunneen yeroo magaalaa guddittii Naayiroobii keessatti to'annaa jala oolfaman muduraalee gurguraa turan. Isaanis gaafa Kibxataa mana murtiitti dhiyaatu jedhaniiru qondaltoonni biyyatti.

Qoqqobbii itti fayyadama peestaalii pilaastikaa Keeniyaa keessatti bara 2017 kan hojiirra oole.

Adabbii kunis adabbii akka addunyaatti jiran keessaa muraasa of keessatti qabata.

Namoonni seericha cabsan hidhaa yookiin kaffaltii maallaqaa hamma birrii 120,000 adabamu.

Akka gabaasaa Baankii Addunyaa bara 2015-16'tti tokko sadaffaan lammiilee Keeniyaa galiin guyyaasaanii birrii 57 akka ta'e mul'isa.

Abbaan Taayitaa Eeggumsa Naannoo Biyyaaleesaa Keeniyaa fuula tuwiitaraa isaarratti akka ibsetti namoonni sadeen kunneen gaafa Wiixataa peestaalii 500 ta'u baatanii turan.

Ta'us garuu fayyadamtoonni Tiwiitaraa murtee daldaltoota diinagdee guddaa hin sochoofnerratti darbe hedduminaan qeeqaaru.

Hedduusaanii iitti fayyadamni pilaastikii biyyattii keessatti bifa biraatiin jiraachuusaa himu.

Osoo biyyattiin Hagayya bara 2017 seera jabaa kana hojiirra hin oolchin dura Keeniyaa keessatti peestaalonni miiliyoona 100 ta'an akka gataman odeeffannnoon Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ni ibsa.

Mootummaan biyyatti peestaalonni kunneen faalama naannoo fidaa turan jedha. Garuu akka qorannoo Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Biyyaalessaa Keeniyaatti garaachaa loon magaalaatti argaman walakkaasaanii keessatti peestaaliin akka argamu ibsa.

Qoqoobbiin itti fayyadama peestaalii Keeniyaa biyyoonni Afriikaa biroo kan akka Ruwaandaa fi Morookoo seera walfakkaataa akka hojiirra oolchaniif sababa ta'eera. Taanzaaniyaan seera walfakkaataa bara 2019 keessa hojiirra oolchiteetti.