Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koroonaavaayiras: Wuhaanitti daa'imni reefu dhalatte koronaavaayirasiin qabamte
Daa'imni reefu dhalatte sa'aatii 30 booda koroonaavaayirasiin qabamuun mirkanaa'e. Daa'imni kun vaayrasichaan qabamuun umuriidhaan ishee xiqqoo dha.
Daa'imni kun gaafa Guraandhala 2 hospitaala naannoo Wuhaan iddoo vaayirsichi bal'inaan tamsa'e jirutti dha.
Haati da'umsaaf otoo hin deemiin dura qorannaa taasifteen vaayirasichaan qabamteetu argamte. Dhukkubichi daa'imatti akkatti darbe waan barame hin jiru.
Hanga yoonaa ijoollee lakkoofsa muraasa qabantu vaayrasichaan qabame. Kanaanis 563 yoo du'an, 28,018 immoo hubamaniiru.
Miidiyaan biyyattii Shinuwaan daa'imni kg3.25 ulfaattu ammaaf haala gaarii keessa jiraachuufi eegamaa akka jirtu gabaaseera.
Hakiimni gameessi hospitaalichaa daa'imni kun qabamuun karaalee vaayrasichi itti daddarbuu danda'u irratti akka xiyyeeffannu mallattoo nuuf kenneera jedhan.
Akka gabaasni barruu Waldaa Fayyaa Ameerikaa agarsiisuutti umriin gidduugaleessaa namoota vaayirasichaan qabamnii 49-56 dha. Kanaaf ijoollee irratti hanga yoonaa hammaataa hin turre.
Bara 2016tti yeroo weerarri Meers jedhamu mudate barruun Fayyaa Daa'immanii addunyaa, weerarichi ijoollee irratti baay'inaan hin mudanne jechuun kanaaf immoo sababiinsaa adda hin baafamne jedheetu ture.
Vaayrasiin kun bal'inaan tamsa'uun biyyoota 25 keessatti mul'ateera, kanaanis namoonni 191 hubamaniiru. Chaayinaan alatti garuu hanga yoonaa nama lamatu du'e.
Koronaavaayirasiin sirna hargansuu kan miidhu yoo tahu, ho'i qaamaa dabaluun mallattoo dhukkubichaa jalqabaati. Qufaan gogaa tahes namoota kunneen irratti ni mul'ata. Namoonni dhukkubichaan qabaman deebi'anii bayyannachuuf ni danda'u.
Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa weerara yeroo muddamaa fayyaa addunyaa labsaniiru. Hogganaan dhaabbatichaa Doktar Tewoodiroos Adihaanom Gebirayesuus Roobiii darbe doolaara miiliyoona 675 tarkaanfii baatii sadii keessattii fudhatamuuf gaafataniiru.
Qarshiin kun baayyeen isaa biyyoota vaayirasichi ofirraa ittisuuf gargaarsa barbadaniif kennama. Golgaa afaaniifi funyaanii 500,000 fi meeshaa namoonni karaa nam-tolcheen akka harganan taasisu 40,000 gara biyyoota 24'f ergama.
Kamisa waan haaraa maaltu jira.
- Doonii Jaappaan irraa namoonni adda baafaman kudhan vaayirasichaan qabamuun mirkanaa'eera. Kanaanis lakkoofsi waliigalaa 20 taheera. Namoonnii 3,7000 tahan erga namni Hong Koong vaayirasichaan qabameen booda adda baafamanii jiru.
- Doonii imaltoota 3,600 qabdu namoonni vaayirasichaan qabaman sadii argamnaan Hoong Koongitti akka buufattu taasifameera.
- Taayiwaaan dooniiwwan biyyaa alaa dhufan odola biyyattii irratti akka hin qubanne dhorkitee jirti. Kara galmaa ijoo jedhamus cufteetti.
- Gareen lammiilee Ameerikaa 350 tahan Wuhaanii fudhataman buufata waraanaa Kaalifoorniyaa lamattii adda baafamanii jiru.
Chaayinaatti weerara kanaaf hospitaala lama Wuhaanitti saffisaan ijaaraa jirti. Karra uummataa 11 immoo gara kutaa qorannoo fayyaatti jijjiiraa jirti.
Jiraattoonni miiliyoonaan lakkaa'aman kan Wuhaanii fi naannoo Zhiyaang keessa jiran mana tokko keessaa guyyaa lamatti namni tokko qofa akka gadi bahu hayyamame.