Abbaafi intalli Facebook hiriyaa tahaa erga isaaniin jedhee booda wal argan

Madda suuraa, Trevor Sinden
Dubartiin erga Facebook abbaashee dhalche waliin hiriyaa akka taatu ishee affeere booda, yeroo jalqabaaf walargite.
Kaaran Haris, ganna 56, Ingiliiz kutaa biyyaa Korniwol jedhamu keessa kan jiraattu yogguu tahu, jalqaba baroota 1960'oota keessa guddifachaaf kennamte.
Erga abbaashee ganna 72, Tirevar Sindan waliin Facebook gubbaatti walbaran booda, yeroo ajaa'ibaa keessa akka turan dubbatti.
Aadde Haaris fi Aabba Sindan, yeroo jalqabaaf torban kanatti wayita walarganitti guddisanii ''wal hammataniiru.''
Maqaasaa Facebook gubbaatti wayita agartu oggasuu eenyummaa nama kanaa barte jechuun Falmouth Packet gabaaseera.
''Waanuma tahe ilaalaan ture. Achis maqaasaan arge,'' jechuun BBCtti himte.

Madda suuraa, Trevor Sinden
''Guyyaa tokko guutuu isuma yaadaan oole. Irra deebiin isa argachuuf qophiidhaa kan jedhu.
Tarii inni na baruuf hin barbaadu ta'a.''
Haa tahu malee, Aabba Sinden gaaffii hiriyaa tahuu (Friend request) ergiteef battalumatti deebise.
Akka inni jedhutti wayita suuraa isheen ergiteef ilaaluu, oggasuu eenyummaashee bare. Ijoollee dubraa qabu sadi waliin, wanti isaan walfakkeessu qaba.
''Suuraan ishee hin dogongorsiisu,'' jedhe. Walarguun isaanis ajaa'iba jedheera.
Akka Aabba Sindan jedhutti, jalqaba bara 1960'oota keessa isaa fi haati Aadde Haaris naannoo 'Croydon' jedhamutti jiraataa turan.
Isheenis gannishee 16 wayita ture ulfoofte - baroota sana keessa gaa'elaan alatti daa'ima godhachuun akka safuutti ilaalama ture.
Baroota keessatti waa'ee daa'ima kanaa yaadaa akka ture dubbachuun, daa'imni kun dhiira yookaan dubra ta'uusaa garuu hin beekun ture jedheera.

Madda suuraa, Trevor Sinden
Guyya guyyaan Facebook gubbaatti ergaawwan waliif barreessaa erga turaniin booda, magaalaa biyyoota lamaan gidduutti argamtu 'Lyme Regis' jedhamtutti walarguuf murteeysan.
''Guddisnee wal hammachuun, yeroo dheeraaf turre,'' jette Kaaran.
''Namni daandiirra nu bira darbe tokko 'walbeektu mitii?' jedhe. Anis 'Lakkii amma dura wal hin beeknu,' jedheen.
Kaaran akka jettutti abbaashee ishee dhalootaa kana waliin ammaan boodas yeroo yeroon akka walargan dubbatti.













