Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hoteela Sirii Lankaa arbi keessummaa itti ta'e
Namoonni heddu Sirii Laankaa daawwachuuf yoo yaadan daawwannaa isaanii keessatti arba arguu fedhu.
Wanni namoonni muraasa hawwan garuu yeroo arbi balbala kutaa hooteela isaanii bira dhaabbatu arguudha.
Haata'uu malee, hoteela Jeetwiing Yaalaa kan kibba-baha biyyattitti argamutti wanti kun baratamaadha.
Maqaan arba kanaa Naattaa Koota jedhama - yookiin eegee gabaabaa- akka jechuuti.
Viidiyoon Naattaa Koota torbee darbe yeroo inni kumbiisaatiin meeshaa tutuqu agarsiisu namoonni hedduminnaan waliif qoodaa turan.
Namnoonni hedduu viidiyicha dinqisiifannaan erga daawwatanii booda waliif qoodaniiru. Hojjetaan hoteelaa naannoo Paarkii Biyyaalessaatti argamu tokko erga bara 2013 as arbi kun "gargaaraa amanamaa" ta'eera jedha.
"Waggoota jalqabaarratti arbi kun yeroo tokko tokko qofa ture kan dhufu. Amma garuu yeroo hedduu riizoortoota qarqara galaanaatti argaman bira yeroo baayyee deddeema," jechuun dubbi himaan hoteelichaa BBC'tti himaniiru.
"Waggoota muraasa dura iddoo jireenyasaa Jeetwiing godhachuun nagaan jiraachaa ture. Naattaa Kootan amma amma gaaddisa mukkeen jala ciisuufi moora hoteelichaa keessa miilaan imaluun guyyaasaa dabarsa."
Naattaan yeroo hunda amala isaa gaarii qofa hin agarsiisu. Kutaa nyaanni qophaa'uufi konkolaataa keessaa muduraa hatuun beekkama ture.
Ta'us garuu hojjattoonni hoteelichaa dandeettii arbi kun hatuufi haxxummaa inni qabu dinqisiifatu male badii inni raawwateen hin adaban.
Daawwatoonni garuu kuduraaf muduraasaanii akka haalan eeggatan ni akeekkachiisu. Dallaan elektiriikii amma balbala kutaa nyaanni qophaa'urratti hojjatame garuu akka inni nyaata hin hanne isa dhorkeera.
"Amalli tasgabbaa'aan Naattaa daawwattoota dhufanii daawwataniif waan hawwisiisaa ta'eera," jedhu warri hoteelichaa.