Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sirna haqaa Itoophiyaa: Ajaja manni murtii dabarse poolisiin diduu danda'aa?
Barreessaa fi qondaalli ABO Yaasoo Kabbabaa shororkeessummaan shakkameera jedhamuun erga humna tikaan qabamee mana hidhaa seenee bubbuleera.
Yaasoon erga to'annoo jala oolee yakka shakkameef qorannoon irratti gaggeeffamaa kan ture kan himan abukaatoon isaa Obbo Milkiyaas Bulchaa, poolisiin yeroo kennameef keessatti ragaa walitti qabee himata irratti dhiyeessuu hin dandeenye jedhan.
Amajji 4 bara 2012 ALItti manni murtii federaalaa Lidataa yeroon qorannoo poolisiif kenname xumurameera jechuun akka wabiin bahuuf ajaja dabarsuu himan.
Kanumaan maatiin baasii mirga wabiif kaffalamu Birrii 5,000 kaffalanii, waraqaa haa gadhiifamu jedhu baafatanii gara buufata poolisii hidhamee jiruu dhaquu dubbatu Obbo Milkiyaas.
Haa tahu malee yeroo maatiin dhaqan bor koottaa jechuun pooliisiin akka isaan deebise himan.
Ammas bulanii maatiin dhaqanis poolisiin akka hin keessummesine kan himan Obbo Milkiyaas guyyaa sadii booda ofuma isaanii mana murtiitti dhiyeessan jedhe.
''Poolisiin ajaja mana murtii hin fudhatu jechuun manni murtii gonkumaa hin barbaachisu jechuudha. Yoo akkas tahe mana murtiis geessuun isaan irra hin turre. Mana murtiitti hin amanu jechuudha poolisiin,'' jechuu komatu.
Obbo Milkiyaas poolisiin aangoo isaatiin ajaja mana murtii didee hidhamaa tursiisuu hin danda'u jedhan.
Ajaja Mana murtii fi aangoo poolisii
Obbo Milkiyaas ajajni mana murtii gadii kan dhorkamuu danda'u, yoo ajajni mana murtii olaanaadhaan kenname qofaadha jedhan.
Manni murtii shakkamaan haa gadhiifamu jedhee murteessinaan poolisiin hangan bakka biraa deemee ajaja biraa kennisiifadhutti jedhee mana hidhaa tursiisuu hin danda'u jedhan. Kun bu'uura seeraa akka hin qabne kaasu.
Yoo ol iyyannoon isaan barbaachises battaluma ol iyyannaa fudhatu malee aangoo kana hin qaban jedheera.
Manni Murtii qorannoo keessan xumuradhaa jedhee yeroo dabalataa kennaafii akka ture himan.
Haa tahu malee ammallee beellamma dabalataa poolisiin gaafannaan manni murtii lakki yeroo isiniif kenname keessatti dhiyeeffachuu hin dandeenye jechuun mirgi shakkamaas eegamuu qaba jechuun murteesse jedhan.
Manni murtii yeroo qorannoo polisii xumuree himata irratti bantan qabdu taanaan dhiyyeessuu dandeessu jechuun abbaa alangaaf beeksisee ture.
Guyyoota kudhan keessatti abbaan alangaas himata dhiyeesse waan hin qabneef shakkamaan wabiidhaan akka gad-lakkifamu murteessee ture jedhan.
Poolisiin kana diduun guyyaa sadii booda bakka abukaatoon isaa hin jirretti mana murtiitti dabalataan dhiyeessuun ammallee mana hidhaa akka jiru himan Obbo Milkiyaas.
Ajaja manni murtii dabarse poolisiin diduu danda'aa?
Kun ija seeraan akkamiin ilaalama jennee ogeessa seeraa biraa Obbo Adii Dhaqqaboo gaafanneerra.
Obbo Adiin akka jedhanitti poolisiin karaa lama shakkamaa qabee hidhuu danda'a. Tokko ajaja mana murtiin yoo tahu, kan biraan ammoo poolisiin ofuma isaan shakkee qabee hidhuu akka danda'u himan.
Haa tahu malee shakkamaan sa'aa 48 keessatti mana murtiitti dhiyaachuu akka qabu himuun, himata irratti banuuf ammoo beellama hanga guyyaa 14 keessatti xumuramuu qaba jedhan.
Guyyoota manni murtii kenne keessatti shakkamaa irratti himanni hin dhiyaatu yoo tahe garuu, manni murtii wabiinis tahe bilisaan akka gadhiifamuuf murteessuu danda'a jedhan.
Erga manni murtii murtee kana kennee garuu poolisiin aangoo ittiin tursiisu hin qabu jedhan.
Yoo yakka duraan ittiin shakkaniin ala kan biraan isa himachuu barbaadanillee ammas sa'a 48 keessatti dhiyeessuu qabu jedhan.
Kana raawwachuuf garuu addatti kan hojjetan malee ajaja mana murtii jalqabaa osoo hin raawwatiin turuudhaan miti jedhan.
Gama poolisiirraa odeeffannoon dhimma kana irratti arganne hin jiru.
Itoophiyaan seera shororkeesummaa kanaan dura itti fayyadamaa turte dhiyeenya kana fooyyessuun ishee ni yaadatama.
Yaasoo Kabbabaa eenyu?
Kitaabota Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraatiin kanneen akka Miila hin shokoksine, Dibaa, Siifan, Shira jedhaman barreesseera.
Biyya gadhiisee biyya baqaa keessa jiraachaa ture.
Akka biyyatti galeenis Daarektara ONN biyya keessaa ta'ee hanga yeroo dhihootti tajaajilaa ture.