Waldhabdee Liibiyaa: Wiirtuu leenjii waraanaa Libiyaarratti haleellaan qilleensarraani raawwate

Madda suuraa, Reuters
Haleellaa qilleensarraan magaalaa Tiripoolii keessatti raawwateen yoo xiqqaatee namoonni 28 du'uufi kanneen hafan immoo madaa'usaanii qondaltonni biyyatti ibsaniiru.
Wantoonni jiran ifa ta'uu baatanis haleellaan kun garuu garee baha Liibiyaatti qubatee kan Jeneeraal Kaalifaa Haftaar'tti dhiheenya qabaniin raawwatamuu hin oolle jedha gabaasni.
Humni Liibiyaa kan 'UN'n deeggaramu garee Jeneeraal Kaalifiin durfamu kanaan wal lolaa turaniiru.
"Haleellaa humna xiyyaaraa wiirtuu leenjii waraanaa Tiripoolii keessatti argamurratti raawwatameen loltoonni 28 yoo ajjeefaman; kanneen hafan madaa'aniiru," jechuun dubbi himaa ministira fayyaa 'Government of National Accord' kan ta'an Amiin al-Haashim ibsaniiru.
Waggaa dheeraaf biyyattii kan turan Mu'aamar Gaadaafii bara 2011tti erga ajjeefaman booda Liibiyaan waldhabdeefi wal qoodinsaan rakkachaa jirti.
Bara 2011 booda qaamni biyyattii guutummatti bulchu waan hin jirreef waraana wal waliiniin miidhamaa jirti.
Bara darbe ji'a Ebla keessa Jeneeraal Kaalifaa Haftaar mootummaa beekamtii idil addunyaa qabu aangoorraa buusuuf haleellaa raawwatee ture.










