Bu'aa Filannoo Waliigalaa UK 2019: Boriis Joonsan 'akka haaraatti nuuf bariite' jedhan

Madda suuraa, Reuters
Bu'aa Filannoo Waliigalaa UK 2019 warri Konservaativii (cichuun beekaman) teessoo caalaa argachuun mo'atan.
Ministirri muummee UK Boriis Joonsan injifannoon seena qabeessaa kanaan booda 'akka haaratti nuuf bariite' jedhan.
Itti dabaluunis, Boriis Joonsan warra isa filateen isaan amananii abdii waan irra godhataniif "halkaniif guyyaa" hojjechuun gatii keessan isiniif deebisna jedhan.
Osoo bu'aan filannoollee hin labsamiin teessoo 326 mo'achuun mootummaa tolfachuu hanga barbaadameen ol mirkaneeffataniiru.
BBCn akka tilmaametti ministirri muummee Boriis Joonsan harka caalmaa 76 tiin gara aangootti ni deebiya.
Ministirri muummichaas akka jedhanitti kun "Brexit akka milkaa'uuf" aangoo waan nuuf kennuuf UK Gamtaa Awurooppaa keessaa baatii dhufu ni baasna jedhan.
Jermii Korbiin ammoo warri Leebarii "halkan baayyee gaddisiisaa" dabarsan jechuudhaan filannoo gara fuula duraatti akka hin dorgomne himan. Paartiin warra Leebarii kun bakkeewwan warra bara 2016 keessa Brexit deggeran akka Kaaba, Miidlaandiifi Weels keessatti guutummaatti teessuma hin arganne.
Bu'aan filannoo amma jiru warra Konservaativiif baayyee ajaa'iba jedhameera. Kan hedduun isaaniii abdataniin olitti sagalee argachaa jiru.
Paartiin Konservaativii kun injifannoon ministirri muummee biyyattii Boriis Joonsan ji'a dhufu Brexit milkeessuuf akka danda'an isaanii hayyameera.

Filannoo kanarratti bakkeewwan akka seenaatti wiirtuu warra Leebarii ta'uun beekamullee warra Konservaatiiviif sagalee kennaniiru.
Paartiin warra Leebarii amma haala baayyee rakkisaa keessa galaniiru.
Jermii Korbiin amma ejjennoo isaa ifa godheera. Osoo filannoon dhufu hin ga'iin deemuuf akkka jirullee ibseera. Paartii isaa keessaa baayyeen ammoo akka inni ammuma deemuu ni barbaadu.
Paartii warra Leebariidhaaf bu'aan filannoon ammaa kun erga Waraana Addunyaa Lamaffaa (WWII) as isa baayyee badaadha jedhameera.

Madda suuraa, AFP
Akka gabaafamaa jirutti haala amma jiru kanaan Boris Joonsan aangoo isaaniin waan itti fufaniif jijjiirraan kaabinee isaanii hedduu eegamu hin jiraatu.
Jijjiirraan kaabinee xiqqoon yoo jiraatellee Wiixata waljala dabarsuun gaggeeffama jedhamaa jira.















