Miidhagduu Addunyaa: Dubartoonni mucaa godhatan akka hin hirmaanne dhorkun 'loogummaadha'

Madda suuraa, Brighton Pictures
''Akkitti badhaasa Miidhagduu Addunyaa 'Miss World' jedhanif kaadhimaman loogii qaba ... kuni jaarraa 21ffaa keessatti fudhatama hin qabu.''
Veronikaa Didusenkoon lammii Yuukireen yoo taatu modeeladha. Umrii 24 kan taate Veronikaan bara 2018 Miidhagduu Yuukireen ta'un filatamtus kanneen saganticha qopheessan haadha ta'u ishee yeroo baran ishee haqan.
Seerri dorgommichaa dubartoonni dorgommii kamuu irratti yoo mucaa godhataniiru ta'e akka hin hirmaanne dhorka.
Kanaafuu, ilma waggaa 5 kan qabdu Veronikaan imaammata dubartoota mucaa godhatan dorgommiirraa dhorku himachuuf jetti.
''Jijiirun barbaada. Seerri Miidhagduu Addunyaa yeroo waliin akka deemu taasisun barbaada,'' jechuun BBC Raadiyoo 1'f dubbatte.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa Instagram, 1
Akkamin dorgomte?
Akka isheen jettutti maqaa dhaabbata gargaarsaa ishee guddisuf dorgommii Miidhagduu Yuukireen seentus mo'achuun ishee guddaa ishee ajaa'ibe.
Waan Bareedduu Yuukireen taate injifattef biyya ishee bakka buute Bareedduu Addunyaa [Miss World] irratti akka hirmaattu mirkaneeffattus guyyoota afur booda haqani.
''Kuni anaaf arraabsoodha,'' jetti.
''Baay'een gadde. Kuni waa'ee kiyya qofaa miti, kuni hiree dubartoota kuma hedduu addunyaarra jiraniifi waan haadha ykn mucaa godhatanif dorgommii akka hin seenne taasifamaniiti.''
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa Instagram, 2

Veronikaan yerooma jalqaba dorgommii eegaltu seera dorgommichaa agarteetti. Garuu, kanneen saganticha qopheessan akka ishee jajjabeessan himti.
''Haadha ta'uunkoo modeela pirofeshinaala ta'u ykn hojiikoo dalaguurraa wanti dhiibbaa narraan gahu hin jiru. Kanaafu, seeri kuni anaaf hiika hin qabu,'' jechuun himti.
Hojii Raawwachiiftn Olaantuufi Dure teessuun dhaabbata Miis Woorlid, Juliyaa Moorli, bara 2018 dhimma kana gaafatamte turte deebi kenniten waan addunyaan irratti waliigaledha jetteetti. .
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa Instagram, 3

Veronikaan himannaa kana mana murtiiti geessun ishee dhaabbatichi seericha akka jijiiru gargaara jettee yaaddi. Waldorgommiin baranaa Muddee 14 Landanitti dorgomama.
Manneen faashinii dubartii ulfaas, kan umrii garaa garaa qaban hammata. Waldorgommiin Bareedduu Addunyaallee dubartoota hunda ija qixaan ilaaluu qaba jechuun himti.













