Jaalala bakka hojii: 'Jaalalaan waanan qabameefan hojiirraa ari'ame'

Madda suuraa, Gaariifi Taamiraa
Abbaan qabeenyaa Awustiraaliyaa Gireey Liyoon hojii isaa sadarkaa gaggeessaa ol-aanaarraa ar'amuuf sababiin dubartii isa waliin hojjettu waliin jaalala jalqabuu isaatiif akka ta'etti yaada.
Wanti akkasii kun "fokkuudha" jedhas namni sababii jaalalaan hojiisaa dhabe kun.
Haata'u malee, wanti ta'e dhumarratti gaarummaatiif jedhan. Namoonni waljaallachuu isaaniitiif hojii isaanii dhaban kunneen waggoota 12 dura gaa'ela godhatanii yeroo ammaa intala umuriin ishee waggaa 11 Chaarootee jedhamtu qabu.
Yeroo ammaa, Obbo Liyooniifi haatiwarraa isaa Biriisbaanee keessatti kaampaanii kan ofii isaanii ta'e qabu.
Mudannoo ofii keessa darberraa kan ka'een Obbo Liiyoon, osoo hojjetoonni kampanii isaa tokko isa kaanirraa jaalalli qabee gammachuu guddaan qaba jedhe.
"Hanga hojii isaaniirraan dhiibbaa hin qaqqabsiifnetti anaan na hin yaadchisu."
Obbo Liyoon, oduu dhaabbanni McDonald jedhamu hoji-gaggeessaa isaa Obbo Istiiv Iisterbuukiin hojjettuu tokko waliin walitti dhufeenya jaalalaatti jira jechuun hojiirraa ar'e jedhu dubbisee booda BBC qunname.
Dhaabbanni nyaataa US guddaan kun akka jedhetti hariiroon jaalalaa hoji-gaggeessaan dhaabbatichaa hojjettuu isaa waliin qabaachaa ture kun fedhiirratti hundaa'ulleen Obbo Iisterbiruuk "seera kampaanichaa cabsaniiru".
Dubbiin kun namoonni bakka tokko hojjetan yoo tokko isa kaanirraa jaalalli qabe, keessumaa tokko isa kaanirra gita ol-aanaarra kan jiru ta'e maal akka ta'u kan agarsiisedha jedhu namoonni.
'Gadduummii (madooshaa) isaa lafa kaa'e'
Akka mudannoo kan Obbo Liyoonitti, dhaabbata hojii mukaa balbalaafi foddaa hojjetu tokko keessatti gaggeessaa hojii ture.
Dubartii booda haadha warraa isaa taatu kana ammoo yeroo isheen qindeessituu pirojektii garee isaa taatee hojjettutti ture kan walargan.
"Ani yeroo hundan ishee jaalladhan ture. Isheenis akka ana jaallattu ifattu agarsiifte. Dubbiin achirraa kaate."
Yeroo sanatti, Obbo Liyoon waggaa 41 yoo ta'u jaalalleen isaa kun ammoo 27 turte. Yeroo jalqabaa jaalalaan waliin jiraachuu isaanii icciitiidhaan qabanii turan. Boodarra garuu suuta suutaan akka beekamu godhan. Erga namoonni baraa dhufan ijoo dubbii ta'aa dhufe.
"Ani kun namaaf dhimma ijoo ta'udha jedhee hin amanuun ture garuu akka malee ol kaasanii dubbii oduu guddaa ta'e. Maaliif akka ta'e garuu beekuu hin dandeessu sababiin isaas dhiibbaa hojiirraan ga'e hin argitu," jedhe.
"Namoota bakka hojii jiran waliin yeroo baayyee waan walargituuf sirriitti walbaraa deemuu dandeessa."
Jarreen kun lamaan walbaranii ji'a sadiin booda, Obbo Liyoon waamamee akka hojii isaa gadhiisuuf itti himame. Innis "gaddoommii isaa lafa kaa'ee".
Inni hojii isaa dhabullee isheen garuu hojii ishee ittuma fufte. "Isheen yeroo sanatti baayyee gadditee turte, garuu wanti godhan hin jiru. Ittuma fufuun hojjechuu qofaa ture filannoon qabdu."

Madda suuraa, Gary Lyon
Obbo Liyoon akka jedhutti seerri ifa ta'e waa'ee nama waliin hojjetan waliin jaalala qabaachuu lafa kaa'ameeru hin jiru.
Murteen ture sun "calliseedhuma akka feetedhaan kan taasifamedha. Kun ilaalcha addunyaa kanaa boodatti hafaa ta'e kan bakka bu'udha."
"Hoji-gaggeessitoonni nama isaan jalatti hojjeturraa jaalalli yoo isaan qabe hojiirraa ar'amuu qabuu? Dirqamaan hin ta'iin malee waliigalteen taanaan ar'amuu hin qaban," jedha Obbo Liyoon.
"Bakka jaalallee argattu filachuu hin dandeessu. Kanaaf, warra waljaallate keessaa tokko ar'uudhaan adabuun maaliif barbaachise?"
Hawii dhala namaa
Akka qorannoon gara garaa jedhanitti, hariiroon jaalalaa dheeraan afur keessaa harka tokkoo hana sadii keessaa harka tokko ta'an kan jalqabaman bakka hojiittidha.
Haata'u malee, walitti dhufeenyi kan jaalalaa namoota waliin hojjetan gidduutti uumame hunduu hanga dhumaatti milkaa'uu dhiisuu mala.
Gariin isaanii gammachuu yeroo gabaabaaf ta'anii darbu. Kaan ammoo walitti dhufeenya halkan tokkoo qofas ta'uu danda'u.
Addunyaa kanarratti namoonni gurguddoo siyaasaan, qabeenyaan, artiidhaafi kan biroon gurra qaban nama sababa hojiifi bakka oolaa isaaniitiin wal argan tokko isa kaan jaallachuudhaan hangam hawwiin dhala namaa aadaa bakka hojii jedhame waliin walitti bu'u agarsiisaniiru.
Nama waliin hojjetaniifi hojjechiisan waliin jaalalaan qabamuudhaan gara hariiroo michummaa fedha fooniitti jijjiiruun aanga'oota hedduun akka aangoorraa bu'an taasiseera.
Hojjetoonni dhaabbata gara garaas jaalala bakka hojii hojjetoota waliin qabaataniin hojii isaanii dhabaniiru.
Yeroo baayyee, hojjetoonni yoo kan of hin eeggatan ta'e rakkoon walitti bu'insa faayidaa jiraachuu mala.
"Yoo namoota waliin hojjetan jaalalaan waliin jiran keessaa tokko isa kaaniif sadarkaa guddinaa kennuuf, miindaa foyyeessuuf, carraawwan guddisuufi hojii ramaduu keessattillee itti gaafatamaa ta'e carraan loogii gochuu guddaan ni jiraata.
Kun ammoo hojjetoota biroo biratti walqixxummaan akka hojjetoota gidduu hin jirretti ilaalama," jedhu Ribqaa Tornilee, dhaabbata gorsa Seeraa magaalaa Landan.
"Yeroo baayyee ammoo hojjetoonni namoota gita hojiin isaanii ol ta'een fedhii jaalalaaf gaafataman diduu hin danda'an ta'a. Kun ammoo balaa tutuqqaa saalaa qaqqabsiisuu mala."
Warri hojjetoota qacaran hojjetoonni akka wal hin jaallanne gochuu hin danda'an garuu seera bakka hojii baasuudhaan rakkoo jaalala bakka hojiitti uumamuun qaqqabuu malu xiqqeessuun ni danda'ama jetti ogeettiin seeraa kun.
















