Hogganaan 'McDonald' McDonald Steve Easterbrook hojiirraa ari'atame

Madda suuraa, Getty Images
Hogganaan dhaabbata nyaataa 'McDonald' kanfaltii olaanaa argataa ture Istiiv Iistarbiruuk seera kaampanichaa cabsuun hojjattuusaa waliin hariiroo jaalalaa uummate jedhamuun hojiirraa arii'atame.
Dhaabbati Ameerikaa nyaata dhiyeessuun beekamu kun hariiroon jaalalaa kun kan fedharratti hundaa'eedha, garuu ammoo Obbo Iistarbiruuk kana raawwachusaatiin seera kaampaanichaa cabseera, ''murtee sirri' miti jedheera.
Ergaa Imeelii hojjattootaaf ergeen, lammiin Biritishi kuni hariiroon uumame jedhame dhugaa ta'u amanuun dogongora raawwateef dhiifama gaafateera.
''Kabaja kaampaanichaa xiyyeefannaa keessa galchuunis murtee boordiitti waliin gala. Amma anaaf yeroon bahuu qabuudha,'' jedheera.
Seerri kaampaanichaa hoggantoonni hojjattoota isaan jalaa jiran waliin hariiroo qunnamtii saalaa akka hin qabaannee dhorka.
Obbo Iistarbiruuk nama umurii waggaa 52 yoo ta'an, haadha warraatiin gargar bahanii jiru.
Yeroo jalqabaatiif akka bulchaatti dhaabbata 'McDonald' tiif kan hojjate bara 1993 Landan keessatti ture.
Bara 2011'tti ammoo hogganaa 'Pizaa Express' ta'uuf kan gadhiisee yoo ta'u, booda keessa ammoo dhaabbata nyaataa Ashiyaa Wagamama jedhamuuf hojjateera.
Isaan booda ture bara 2013'tti hogganaa dhaabbata 'McDonald' kan Uk fi Kaaba Awwurooppaa kan ta'e.
Bara 2015'tti ammoo hogganaa muummee dhaabbatichaa ta'un muudame.
Obbo Iistarbiruuk bara hoggansa isaa keessatti ture 'McDonald' dhiyeessii isaa babal'isuun filmaata kafaltii karaa mobaayilaa kan baay'ee mijataa ta'unsaa himame kan eegale.
Boordiin dhaabbata kanaa Jimaata darbe erga marii taasiseen booda murte kana kan dabarse.
Pirezidaantummaa dhaabbatichaa fi miseensummaa boordii keessaas haqameera.
Dhaabbatichi baay'ina kanfaltii hojjatootasaatiin qeeqamaa kan ture yoo ta'u, Obbo Iistarbiruuk ammoo kanfaltii doolaara miliyoona 15.9 bara 2018'tti argateen komatamaa ture.
Kunis mindaa hojjattoonni jiddu galaa argatan dachaa 2,124 jedhameera.
Kirist Kempezinskii namni jedhamuu fi kan dhiheenya kana kaampaanicha damee USA'tti pirezidaantii ta'un mudame bakka akka isa bu'u himameera.













