Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daa'imni Gaanaa qaroo ta'e umrii waggaa 12'tti yunivarsiitii seene
Daa'imni Gaanaa umri 12'tti qormaata seensa yunivarsiitii qabxii olaanaa fiduun yunivarsiitii seene.
Daa'imni maqaan isaa Viyemeens Baamfo jedhamu kuni barnoota Bulchiinsa Ummataa barachuuf fedhii akka qabus himeera.
Barataan kuni barattoota 3,000 Yunivarsiitii Gaanaatti ramadaman keessaa umriin xiqqoodha.
Viyemeens Baamfon akka barattoota kaani mana barnootaa dhaqe hin baranne. Abbaadhuma isaatu manatti isa barsiise.
Gaaffiifi deebii sagantaa 'BBC's Focus on Africa' waliin taasisen aangoo guddicha biyyattii keessa jiru irra -aanuuf akka hojjetu himeera.
''Pirezidantii Gaanaa ta'un barbaada. Alaabaa Gaanaa ol fannise akkuma Chaayinaa, Ameerikaa, Biriteeniifi biyyoota kaan biyya of dandeesse gochuun barbaada,'' jedheera.
Waa'ee heeraa, bulchiinsa sirna siyaasaa, manejimantii, ikonomiksiifi akkaawuntingii barachuuf fedhii akka qabu ibseera.
Abbaan isaa barnoota keemikaal injinaringitiin digirii kan qaban yoo ta'u milkaa'ina ilma isaaniin garuu hammana hin dinqamne.
''Rakkoo isa mudatuufi carraa argatu akkatti fayydamu isa hubachiisuuf yeroofi humna koo irratti dhangalaaseera. Kanaafuu, na hin dinqine,'' jedhan.
Daa'ima qaroo ta'e guddisuu duuba iccitii jirus yoo dubbatan kaanirraa akka adda ta'uf akka dhama'u isa gorsuu isaaniifi innis hojiitti cimuu isaa dubbatan.