Lammiileen Itoophiyaa 400 Sa'uudiitti hidharra turan biyyatti deebi'an

Madda suuraa, FBC
Lammiileen Itoophiyaa 400 seeraan ala daangaa biyyattii galuufi hayyama malee hojjachuun shakkamanii qabaman 400 Sa'uudii Arabiyaa irraa gara birraa debiifaman. Hedduunis torbee dhufaa keessa akka galan eegama.
Wayita buufata xiyyaarraa Boolee gahanittis qondaaltota Ministeera Dhimma Alaatiin simannaan taasifameefiira.
Namoonni gara biyyaatti deebbii'an kunneen kan hidhama seeraan alal daangaa biyyattii qaxxaamuruufi kanneen hafan ammoo hiyyeema seeraan ala hojjachuun walqabatee ture ministirri haajaa alaa Itoophiyaa ibse.
Ministira Haajaa Laa itoophiyaatti Daarektarri Dhimmoota Kaansulaa Obbo Yohaannis Shoodee akka jedhaniitti, lammiileen Itoophiyaa lakkoofsi isaanii kanaan ol ta'an kan biraas torbee dhufaa keessa gara biyyaa akka deebiifaman dabaluun himaniiru.
Imala namoota Saawudiidhaa deebiifamaa jiran kanneenis Dhaabbata Baqattoota Addunyaa (IOM) tu mijeessa jira jedhameera.
Akka Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa jedhutti, ji'oota sadan qofa lammiileen Itoophiyaa 32,890 ta'aniifi biyyoota garaagaraatti hidhaarra turan biyyatti deebi'aniiru.
Baatii Caamsaa darbe, marii qondaaltota Sa'uudi Arabiyaa waliin taasifameen lammiileen Itoophiyaa 1,400 gad-lakkifamani turan jechuun tajaajilli miidiyaa Chaayinaa gabaasee ture.
Lammiileen Itoophiyaa kuma hedduu ta'an jireenya fooyyee qabu jiraachuuf gara biyyoota Arabaafi Afrikaa Kibbaatti imalu. Ta'us, hedduun isaanii karaarratti hidhaaf saaxilamu.
Mootummaan Itoophiyaa lammiilee rakkoo nageenyaa biyya keessaan kanneen qe'ee irraa buqqa'aan bakkatti deebisuun jireenya akka itti fufan gochuuf hojjetaa jira.
Erga Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangootti dhufani as jeequmsi bakkeewwan adda addaatti ka'e namoonni hedduu qe'ee irraa akka buqqa'aan dirqeera.
Guyyoota muraasa dura yeroo Mnni Maree Bakka bu'oota Ummataafi Mana Maree Federeeshinii yeroo banaman pirezidantiin Itoophiyaa Aadde Saahilawarq Zawudee yeroo ammaa namoota 100,000 qofatu kaampii keessatti hafe jedhan.
Dabalataanis, waggaa darbe keessa mootummaan itoophiyaa lammiilee Itoophiyaa biyya alaatti ''rakkoo keessa turan'' 90,000 ta'an akka biyyattui deebi'an haala mijesseera jedhan.
Keessaa kan mana hidhaa keessa turan ni jiru.














