Israa'el fi Itoophiyaa: Neetaniyaahuun waa'ee baqattoota Ertiraa MM Abiy waliin mari'achuu dubbatan

Ministira muummee Abiy Ahimadiifi Ministira muummee Beeniyaamiin Neetinyaahuu

Madda suuraa, Getty Images

Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamiin Neetinyaahuu dhiyeenya kana yeroo gita isaanii MM Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) waliin walargan, lammileen Ertiraa kolu-galtummaa gaafachaa jiran deggersa mootummaa Itoophiyaatiin Israa'el keessaa baasuudhaaf "karoora haarawaaa" akka qaban dubbatan.

Filannoo mana maree Israa'el Fulbaana torba gaggeeffame guyyoota muraasa dursee duula na filadhaatiif jecha fuula Feesbuukii Paaartii Liikiwuud viidiyoo ba'erratti ministira muummee Itoophiyaa waliin walarguun akka dubbatan yaadataniiru.

Gaazexaan biyyattii 'Ze Taayims oof Iziraa'el' jedhamutu odu kana gabaase.

Haaluma kanaan, ministirri muummee Israa'el Neetinyaahuun MM Abiy waliin Itoophiyaan Ertiraa waliin waliigaltee waggaa tokko dura irra ga'an carraa gaariin akka uumameeru kaasanii waliin dubbataniiru.

Gaazexaan kun akka ibsetti, "Pirojektii haarawaa ta'een namoota kana gara Ertiraatti akka deebiyaniif gargaaruudhaaf kan dandeessisu tooftaa gaarii ta'e nan qaba," jechuun akka itti himan Neetinyaahuun dubbataniiru.

Neetinyaahuun itti dabaluun akka jedhanitti, "Ministirri muummichaa [Abiy] gargaarsaaf fedhiin isaan qaban carraa kanaan dura argannee hin beekne nuuf bana," jedhaniiru.

Viidiyoo gababaa kanaan ministirri muummee Beeniyaamiin Neetinyaahuu miseensa paartii isaanii kan taateefi ejjennoo farra baqattootaa kan qabdu Meey Goolaan waliin osoo dubbataa jiranii argamaniiru.

Yeroo kanatti ture ministira muummee Itoophiyaa waliin waa'ee marii taasisanii kan dubbataa osoo jiranii argaman.

BBC'n viidiyoo ministirri muummee Neetinyaahuu Afaan Ibirootaan (Hebrew) dubbatan argatee hiiksiseera. Viidiyoo kana irratti, "Oduu gammachiisaa jedhan.

Ministirri muummee Itoophiyaa wayita daawwannaa hojiif gara Itoophiyaa dhufanii turanitti akka natti himanitti 'Ertiraa waliin nagaa buusuu keenya ni beekta, anis karaa pirojektoota baayyee ammayaa ta'aniin haala gaarii ta'een namoonni kun gara Ertiraatti karaa deebiyuu danda'anirratti si gargaaruu nan danda'a' naan jedhaniiru," jechuun yeroo dubbatan dhaga'amaniiru.

Ministirri muummee Beeniyaamiin Neetinyaahuu itti dabaluun, "Dhugumayyuu karaa gaggeessaa dargaggeessa Afirikaa keessatti gurra argataa jiruufi nuunis nu gargaaruuf fedhiin guddaa qabu kun carraa hanga ammaatti nuti hin argatiin nuuf bana," jechuun yeroo dubbatan dhaga'amaniiru.

Gaazexaan kun waajirri ministeera muummchaa dhimma kanarratti yaada akka irratti kennu gaafatus fedhii hin qabaanne.

Imbaasiin Ertiraa Teel Aviiv keessatti argamu yaada akka irratti kennuuf irra deddeebiin gaafatamus deebii kennuurraa of qusateera.

Hojjetaan Imbaasii Itoophiyaa Teel Aviiv keessa jiru tokko karaa toora Feesbuukiitiin gaazexaa sanatti akka himetti, ministirri muummee yeroo Israa'el daawwatanitti waa'een baqattoota Ertiraa kolu-galtummaa gaafataa jiranii akka hin kaane ibsan.

"Maree sana irratti dhimma kana ilaalchisee wanti ka'e hin jiru. Waliigalteen sun hariiroo biyyoota lameen kan ilaallatu ture," jechuun hojjetaan Imbaasichaa barreeffamaan deebii kennaniiru.

Yeroo ammaa kanatti lammileen Ertiraa kolu-galtummaa Israa'eliin gaafachaa jiran kuma 23 ol yommuu ta'an, kuma 16 kan ta'an ifatti gaaffii kolu-galtummaa dhiyeessaniiru.