Seera haaraa Israa'el Jeewishoota qofaaf jedhu ragga'e

Madda suuraa, AFP
Seerrii Paarlaamaan Israa'el raggaase kun biyyaattii addatti biyya warra jeeewish akka taatu labsa.
labsmuun 'biyya jeewishootaa' kun Arabiffii akka akka afaan hojiitti sadarkaa irra jirurraa akka gadi bu'u godha, qubsuma warra jeewishis jajjabeessa.
Itti dabaluunis Jaarusaalem 'guutummaa fi tokkumaan' magaala guddoo biyyittii taati jedhameera.
Miseensonni paarlaamaa Israa'eel kan Arab ta'an seera kan kan morman ta'us ministirri muummee biyyattii Beenjaamin Netaaniyaahuu garuu yeroo addaa jechuun murticha dinqisiifateera.
Seerri kun dhaaba qaama mootummaa biyya bulchaa jiruun kan deeggaramu yommuu ta'u 'Israa'eel bakka dhaloota warra Jeewish waan taateef, uummatichi mirga ofiin of bulchuun biyya ta'uu qabachuu qaba' jedhee aman.
Murtoon kun kan ragga'e paarlaamaa sa'aatii saddeetii ol tureen booda. Seera kana miseensonni paarlaamaa 62 yoo deeggaran, 55 kan ta'an mormaniiru.
Lammiileen Israa'eel Araba ta'an uummata Israa'el keessa harka 20 ta'u, baayyinni isaanis miiliiyoona sagalitti tilmaamama.
Seeraan mirga qexxee qabaatanis warrii Arabaa Israa'el kun erga yeroo dheeraatii akka lammii lammaaffatti ilaalamaa akka jiraniifi gama barnootaan, fayyaa fi mana jireenyaan loogiin irratti godhamaa akka jiru himatu.
Araba israa'el keessaa miseensi Paarlaamaa kan ta'e Ahimad Tiibii seera ta'ee bahuun wixinee kanaa 'du'a Dimookraasii' ibsa jedha.
Dhaabbatni Miti mootummaa mirga warra Arabaaf muggutu Adalaah, seerichi olaantummaa saba tokkoo cimsuun imaammata sanyummaa dagaagsuudha jedha.












