Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Garee Kubbaa Miilaa Eertiraa: Taphattoonni Eertiraa afur Yugaandaatti badan
Taphattoonni Garee Kubbaa Miilaa Ertiraa afur, tapha CECAFA umrii 20'n gadiif Yugaandaatti imalan achuuman badanii hafan.
Taphattoonni kunniin hoteela isaanii keessaa bahuun, dirree itti shaakalanitti osoo hin deebi'iin hafuu gabaafamaa jira.
Maddeen BBC Afaan Tigrees achumaan baduu taphattoota kanaa yogguu mirkaneessan, biyyattiittis gaaffii koolu galtummaa dhiyeessuus himaniiru.
Dura taa'aan koree qopheesitootaa tapha kanaa Aabba Aimable Habimana baduu taphattootaa mirkaneessuu, miidiyaan biyyattii gabaaseera.
''Taphattoonni shan iddoo itti boqotan - Speke Apartments keessaa badaniiru. Iddichattis eegumsa dabaluun, gareen kun dorgommii kana haala gaariin akka xumuran gochaa jirra,'' jechuun gaazexaa Daily Monitor jedhamuuf himan.
Gareen kubbaa biyyoolessaa Eertiraa dorgomicharra qabxii gaarii kan galmeessisaa turan yogguu tahu, Keenyaa waliinis tapha nuusa-walakkaa har'a taphataniiru.
Tapha har'aa Keenyaa waliin gaggeeffameen Ertiraan injifatamuun dorgommii keessaa godaanteetti.
Leenjisaan garichaa taphattoota 14'n qofa hafan, angawoota taphaaf -taphattoonni badan jedhaman kun ''dhukkubsataniiru'' jechuun himuunsaanii gabaafameera.
Biyya dhaqanitti galuu diduun taphattoota Eertiraa waan harayaa miti.
- 2015ttis taphattoonni 10 garee biyyaalessaa biyyattii taphaaf Botiswaanaa erga imalanii booda galuu didanii turan.
- 2013ttis Keenyaatti, taphattoonni sagaliifi leenjisaan garichaa badanii turan.
Dhaabbileen mirga namoomaa waan jedhan, dargaggoonni Eertiraa kuma dhibbatti lakka'aman, tajaajila biyyaalessaa fi dararaa baqachuun biyyattiirraa baqataniiru.