Andriiw Yaang: 'Kaadhimamaa pirezedaantii lammilee Ameerikaa ganna 18 ol ta'aniif ji'a ji'aan $1000 kutuuf dorgomaa jiru

Madda suuraa, Getty Images
Andriiw Yaang jedhama. Filannoo pireezidaantummaa Ameerikaa 2020tti adeemsifamuuf duula na filadhaa gaggeessaa jira. Namni kuni dureessa ganna 44 maallaqa isaa qorannoo teeknolojii irratti baasudha.
Dorgomaan paartii warra dimookiraatii kuni dubbii isaa ''nama herregaan cimaa tahe Donaald Tiraampiin fashaleessuuf Eeshiyaa irraa dhufe'' jedhuun beekamtii argateera.
Haalduree tokko malee lammiilee Ameerikaa umuriin isaanii 18 darbe hundaaf ji'a ji'aan doolaara 1000 na kuta jedha Andriiw, kanaanis hordoftoota danuu argchaa jira.
Gama siyaasaan badaa kan hin beekamne namni kuni, marsariitii isaarratti namoota isa hordofaniifi deeggaran kumaatamaan lakkaa'aman qaba.
Akka inni jedhutti guddina teekinolojii amma jiruun lammiilee Ameerikaa baayyee hojiin isaanii roobootiiwwaniin butamuu waan danda'uuf qarshiin ji'atti isaaniif kutamu bu'aa isaaniif qaba.
Yeroo duula na filadhaa dorgomtoonni biroo yaada kootti haa koflaniyyuu malee ani herreega isaa dursee shallageera, onnannee hojjennaan kana milkeessuun nu hin dhibu jedheera.
Duula na filadhaa hanga har'aa taasiseen filattoota dimshaasha keessaa deeggarsa harka sadii kan argate yoo tahu warra isa dursan bira gahuuf baayyeetu isa hafa.
Haa tahu malee senaataroota muuxannoo qabu jedhaman Koorii Buukariifi Eemii Kiloobuuchar irra deeggarsaa argachaa waan jiruuf abdii ni qabataa namoonni jedhan baayyee dha.
Duula na filadhaa Andiriiwuu irratti argamuuf sa'aa 3 imaltee kan dhufte Eemiliin Siyiinooskii kana booda xiyyeffannoon gara fuulduraa tahuu qaba jetti.
Isheefi hiriyyoonnishe isa kan deeggaran 'inni teekinolojiifi hojii uumuun gara fuulduraa maal akka tahuu danda'an dursee waan hubateefi'' jechuun BBCtti himtee jirti.
Filannoo pireezidaantummaf kanneen dorgomaa jiran keessaa immoo Tiwiitarii irratti hordofaa baayyee kan qabu Andriiw Yaangi dha.
Andriiw dargaggootaan dabalata dhalattoota Eeshiyaa siyaasa Ameerikaa keessatti bakka bu'insa hin qabne irraas deeggarsa argachaa jira.
Maatii baqattootaa Taayiwaan irraa kan dhalate Andriiw Yaang filannoo pireezidaantummaa Ameerikaaf dorgomuun ardii Eeshiyaa irraa nama jalqabaati.












