Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Eegduun mooticha Saawudii rasaasa hiriyyaasaan itti dhukaafameen ajjeefame
Eegduun dhuunfaa Mootii Sawudii Salmaan, "sababa waldhabdee dhuunfaan" rasaasa hiriyyaa isaarraa itti dhukaafameen ajjeefamuu isaa aanga'oonni himan.
Janaraal Abdul Aziiz al-Faghaam osoo hiriyyaa isaa tokko dubbisuuf deemee jiruu ture kan Sanbata darbe galgala kan nama Mamdouh bin Meshaal Al Alii waliin kan wal lole.
Ibsi poolisiin kenne akka jedhutti Aliin mana isaa Jiddaa jiru yeroo deebiyaa jirutti qawwee ittiin dhukaasa bane kana qabatee deebi'aa ture.
Innis poolisiitti harka kennachuu diduu isaarraa kan ka'e itti dhukaasuun ajjeefameera, akka ibsa poolisii kanaatti.
Janaraal Faghaam ammoo erga Aliin itti dhukaaseen booda osoo hospitaalatti wallaanamaa jiruuti kan lubbuun isaa dabarte.
Dhukaasa namicha kanaatiin namoonni biroon torba madaa'aniiru.
Isaanis, namoota lama mana hiriyyaa Janaraal Faghaam turaniifi namoota qaama nageenyaa dhukaasa ture sana kessatti hirmaatan turan.
Janaraal Faghaam Sawudiitti nama baayyee beekamaa turan.
Janaraal Faghaam eegdota jiran keessaas Mooticha Salmaanitti baayyee kan dhiyaataniifi yeroo dheeraadhaafis kan tajaajilaa turedha.
Kana malees, eegduu dhuunfaa Moooticha Abdullaah akka turanis ni himama.
Namoonni miidiyaa hawwaasummaa irratti gadda isaanii ibsan "gooticha" fi "eegduu ergamaa tahe" jedhan.
Mootichi Salmaan, kan teessoo mootummaatti ba'an bara 2015 yoo ta'u yeroo umuriin isaanii ganna 79 irra jirudha.
Namoonni hedduun taajjaban akka jedhanitti ilmi isaanii Mohaammed bin Salmaan Sawud Arabiyaa keessatti nama sirriitti aangootti fayyadamedha jedhamu.