'Masqalli bulee sariitiin galaanarraa cinnaan namnis wal arga'

Daamaraa Addabaabaayii Masqalaa bara 2019

Ayyaanni Masqalaa Oromiyaattis bakka gara garaaatti ni kabajama. Akkaataan ittiin kabajan naannoorraa gara naannootti garaa garummaa qabaatuchu mala. garuu hunduu galgala kana xomboroo bobeessu.

Masqalli tibba naannoon magaariisummaan miidhagee, ililliin dararee, boruun Gannaa calalee, aduun birraa ba'utti kabajamudha.

Bariin Birraafi Ayyaanni Masqalaa wal faana deemu waan ta'eef abdii guddaan kan eegamuudha.

Hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti ammoo seenaa addaatiin kan beekamuufi sirna guddaan kan kabajamudha.

Godina Wallagga Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaarraa Luba Kabbadaa Goobanaa Ayyaana Masqalaa achii-dhuftee isaarraa ka'uun akkamiifi maaliif akka kabajamamu BBC'tti himaniiru.

Masqalli amantaa keessatti maaliinni?

Ayyaanni Masqalaa ayyaanota Manni Amantaa Ortodoksii Tewaahidoo kabajattu gurguddoo ta'an keessaa isa tokkodha jedhan.

Ayyaanni Masqalaa seenaa hedduu waliin walqabata kan jedhu Luba Kabbadaan, A L I Fuulbaana 16 irratti sirna gubbaatu gaggeeffama jedhan.

Akka Luba Kabbadaan jedhanitti, gubaan damaraa kaayyoo mataa isaa qaba. "Giiftii Illeenii kan jedhamtu fannoo Kiristoos gaara Golgootaarratti warra Yihudootaatiin awwaalamee bade barbaaduudhaaf seenaa isheen hojjette waliin walqabata.''

Manni amantaas waggaa waggaadhaan seenaa isheen hojjatterra dhaabbannee daamaraa dhaabdee muka jiidhaa walitti qabdee ibiddi itti qabsiiftee gaaratti akka inni ifu taasifti."

Faarfattoota ayyaana Masqalaarratti

Fannoo sana barbaaduun baayyee rakkisaa kan tureefi fannoowwan sadii warra bitaafi mirgaarraanis turan waliinis awwaalamee waan tureef, isayyu adda baasuudhaaf mootiin sin haarsaa guddaa kaffalte jedhan Lubni kun.

"Qofforuun barbaacha fannoo Fulbaan 10 irraa jalqabee Bitootessa 16 bahe jedhamee amanama," jedhu.

Daamaraarratti gammachuu fannoo addunyaatti mul'isuuf gaararratti ifa qabsiisuun raawwatamaa akkuma ture, har'as seenaa sana waliin walqabsiisuun waggaa waggaan bataskaanaafi gaaratti bahanii muka jiidhaa dhaabanii, qoraan itti guuranii, luboonni ibidda itti qabsiisanii eebbisuun sirnna kadhannaatiin gaggeeffama.

Daamaraan ifti addunyaarratti ifeera, fannoon Kiristoos boolla keessaa diiggatee ni ba'ee kan jedhu barsiisuudhaaf raawwatama jedhu.

Ayyaana Masqalaafi aadaa Oromoo

Haala amntaa isaatiin alattis ayyaanni Masqalaa akka aadaatti ummata Oromoo birattis ni kabajama. Naannoo Oromiyaa keessa aadaa bal'aafi babbareedoo hedduutu jira kan jedhan Luba Kabbadaan, ayyaana Masqalaa kana akka aadaatti ummanni Oromoo waaqayyo qulqulluu itti roobsee dhangalee bilchaatan, namni umurii dheeratee kan lafaa ga'e itti nyaatudha jechuun ibsu.

Akaakuu dhangaa lafaa margan keessaa kan akka ancootee, raafuu, buqqee/dabaaqula guyyaa har'aa isaan walitti qabamuunDaamaraa irratti maatiin, ollaafi firoonni walwaamanii nyaatama keessayi.

"Guyyaa Daamaraa kana namni mana mana isaatti muka xombora ibsuun gammachuun dabarsa. Bakka tokko tokkoo ammoo asheeta ga'ellee waaddatee nyaachaa, farsoo naqatee, bookas yoo qabaate dhugaa ayyaana kana dabarsa."

Guyyaa Daamaraa bulees dhangaan biroon akka aadaatti qophaa'ee firri dhiyoofi fagoo wal waamee waliin dabarsa.

Nyaata beekamaaa guyyaa Masqalaa nyaataman keessaa kan aadaa Godina Walagga Bahaa ta'e tokko Giixxoo jedhama jedhu Luba Kabbadaa.

"Giixxoon kun nyaata eelee sadiin qophaa'u ta'ee, cumboo waliin qophaa'a. Nyaataafis yeroo dhiyaatu firri hundumtuu maaddii sanarratti al takkaa argamuufi dhiyaachuu qabu. Maatiifi firoonni maaddii irratti walga'aniidha kan sooratan."

Daamaraan ergaa maalii qaba?

Luba Kabbadaan ergaa Daamaraan qabu yoo ibsan, aadaa Oromoo waliin walqabsiisu. "Ergaa inni qabu tokko Waaqayyoof galata galchuudha. Aadaan Oromoo baayyeen isaa Kitaaba Qulqulluu waliin wal hin dhiitu.

Waaqayyo Ganna keessa nu dabarsitee ifa kanaan nu geesse, booqaa biirraa nu geessee, midhaan nuuf magarsiteetta, midhaan haaraa lafaa ga'e akka tuttufannu nu taasifteetta jedhanii galateeffatu.

Ergaan lamaffaa ammoo akka ifti bahe kan agarsiisudha. "Ifti yeroo bahe ammoo gamaafi gamanatu walitti ce'a, wal argas. Masqala bulee namni hundumtuu wal arga, saraatiin galaanarra jiru ni cita."

Kun ammoo ummata Oromoo birattii bakka guddaa qaba jedhan.

Akaakuun mukaa Daamaraarratti fayyadamanillee ergaa qaba. Mukoonni kunneen akka bakkaanisaa, laaftoofi ejersi keessatti argamu jechuun ibsu.

Waan hundaafu baga baccaqii gannaa keessaa baanee waliin booqa birraa agarree jedhaniirus.