Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Wallaansi Kaansarii oonnee kiyya madeesseera garuu lubbuun hafeera'
"Wantoota waggoota shan darban keessatti raawwatame nama maarachisa," jetti Kireenaa Dhimaan.
Bara 2013 ganna 33tti yeroo Kaansarii harmaatiif saaxilamtu, jireenya hojiirra boqannaa baatee maatii godhachuuf jalqabbiirra turte.
"Yeroon fiixee harma kiyyaa ilaalu wanti ta'e wayii sirrii akka hin taane hubadhe. Booda intarneetii irratti deebii yoo argadhu: "Yaa Rabbi kun ana ta'uu hin qabu."
Waggoota sadii booda, wallaansa baqaqasanii yaaluuniifi yaala qorchootaatiin booda harmi kiyya tokko yoo irraa muramu Kireenaan akka dhuma jireenyaasheetti ilaalte.
Booda imala ishee gara Kaanaadaatti gooteen, "jireenya kaansarii xumuruu kabajuuf", jedhuun baay'ee cinqamtee turte.
Baay'ee dadhabdee turte, lapheen ishee baay'ee ishee mudda ture. Kanaarra kan ka'e harganuuf hedduu rakkatti ture. Doktoroonni hospitaalaas baay'ee cinqamanii turan hamma ispeeshaalisttiin tokko furmaataan dhufuufitti.
"Yoon waan yeroo yaala qoricha san ta'e kan yaadadhu ta'e akka harka isaa qabu natti hime," jechuun Kireenaan yaadatti.
Isheenis yaadatte. Bu'aan yaalas akka isheen dhukkuba onnee qabdu agarsiisa waan tureef saffisaan gara kutaa yaala dhukkubsatoonni gargaarsa addaa barbaanitti geeffamte.
Balaa dhukkuba onneef saaxilamuu
Galanni yaala foyya'eef haa ta'uu, dhukkubsatoonni kaansarii baay'ee lubbuun hafaa jiru. Garuu dhukkubsattoota 10 keessa dhukkubsataan tokko akkuma yaala xumureen yookiin waggoota muraasa booda dhibee onnee ulfaataf saaxilama.
Rakkinni isaas qorichoonni kaansariidhaaf kennaman suuta suutan dhukkuba onneetiif nama saaxilu.
Haalli kunis ispeeshaalitiin 'Cardio-oncology' jedhamuu akka dhufuuf sababa ta'eera. Kunis immoo yaala kaansarii haala rakkoo hin finneen yaalurratti kan xiyyeefatuudha.
Qorattoonni namooni ge'eesotaafi daa'imman carraa dhukkubsa kanaaf saaxilamuu isaanii guddaa akka ta'e beeku amma garuu giinii namas namoota biroorrattis gahee isaa qabu bira gahanii jiru.
Oduun gaariin amma yaaliin qorichaan kennamu carraa balaa dhukkuba onneetiif saaxilamuu ni hir'isu jedhu Dr Lyon.
'Ulfi baay'ee hamaadha
Dhukkubsatoonni akka Kireenaa hargansuudhaaf iyyuu rakkataa turan gara jireenya duratti deebi'uu ni danda'u.
"Danda'amachuun kiyya raajiidha," jetti. " Gara mana kiyyatti deebi'a jedhee yaade hin beeku."
Yeroo torbee lamaa Kanadaa turte sanitti ergaa sagalee firoota isheetiif erga turte. Ergaan ishees wanti ta'u waan hin beekamneef akka isaan of qopheesssan ture.
Yaaliin sunis ishee gargaare akka isheen manatti ishee UK'tti deebitee jirti. Ta'us garuu jalqabbii imala ishee dandamachuuti.
Garuu wanni hamaan tokko itti himamee ture- innis daa'ima godhachuun onnee isheef hamaa akka ta'u.
"Kanaafuu mala biraa barbaadutti kaane,"jette.
'Baay'ee gammadeera'
Haati biraa kan sanyii Kireenaatiin ulfoofte argamtee intalli ishee amma ji'a 16 taate jirti.
"Ji'a itti aanu, gaara Himaaliyas koruu heda. Jireenya salphaa ta'e jiraata jira kanaaf immoo baay'ee itti gammada," jetti Kireenaan.
"Guyyaa dhaloota kiyya kan ganna 40ffaa itti kabaju arga jedhee yaade hin beeku amma garuu torbee lama boodatti kabajadha."
"Namoonni hedduun kaansariirra hafanii dhukkuba sababa kaansariin dhufaarra baay'ee rakkataa jiru.
Hojiin dhukkubsatootaa fi doktoroota barsiisuun hojjatamuu qabutu jira."