Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namichi ajjeechaa jumlaa Kurdishirraa ijaan arge waan yaadatu hima
"Ati kiyya ija kiyya duratti yoo ajjeefamtu argeera. Ishee olchu hin dandeenye. Isaan boodas obboleettiiwwaan kiyya lama yoo ajjeefaman argeera.''
Taa'imor Abdullaa Ahimad taatee galgala Caamsaa bara 1988 ture yaadata. Wayita sanatti innis mucaa umurii waggaa 12 yoo ta'u, inniifi daa'imman hedduun biraafi dubartoonni gara boolla gamoojjiitti argamutti dirqiin geeffamuun loltoota Iraaqiin dhukaasni irratti baname.
Yakki akka ajjeefaman isaan taasisees bulchiinsa Saadaam Huseeniin waan qomoo Kurdii ta'an qofaaf ture.
''Qalbiin kiyyaa haadhaafi obbooleeyyan kiyya waliin du'un awwaalameera.''
"Haalli kun yeroo hunda sammuu kiyya keessa deeddeebbi'a. Wayitan rafuuf waa'ee isaan yaada,'' jedha Ahimad gaheessi amma nama umuriin 43 kun, attamiin haatiifi obboolaansaa ija isaa duratti rasaasaan akka ajjeefama yaadachaa.
Akkasumas obboleettiinsaa kan biraas boollaa dhiheenyatti argamu keessatti ajjeefamuunshee akka hin ollee amana. Amma Ahimad warra ajjeefamaniif haqa gaafataa jira.
Ajjeechaan rawwatamees qaama duula adabbii ''Anfal'' motummaa Iraaqiin ummata Kurdish irratti Kaaba biyyattiitti fudhatameedha. Annaga'oonnis wal waraansa Iraaqiifi Iraan jidduutti bara 1980 hanga 1988 gaggeeffameen booda diina waliin dhaabbatan jechuun himataa ture.
Dhaabbannii mirga namoomaaf falmu 'Human Rights Watch' akka jedhuutti, gocha malaan sanyii dugugu kanaan sivilotii kuma 100 ajjeefamaniiru. Kanaafis meeshaa waraanaa kemikaalaa fayyadamamaniiru. Maddeen gara warra Kuridishii ammoo baayyina namoota ajjeefamanii kana kuma 180 ol jiedhu.
Yeroo sanattis Ahimad, warriisaafi obbolaansaa miseensa maatii kan ta'an namoota 110 kan biraa waliin, mandara baadiyaa Kulaajoo jedhamtu tokko keessa jiraatu turan.
''Manadara keenya barbaadanii argachuun baayyee rakkisaadha,'' jechuun ture Ahimad BBC'tti kan himan. Garuu Kurdishoota bulchiinsa Saadaam waliin hajjataniitu bara 1988'tti waraanaa Iraaqi gara sanatti akkeekan.
Jiraattoonni mandarichaas marfamuun dirqiin gara kaampii loltootaatti geeffaman. Achittis dhiiroonni, daa'immaniifi dubartoota irraa adda baafaman. Yeroo sana ture Ahimadis abbaasaa yeroo dhumaaf kan arge.
Baatii tokko booda Ahimad fi kanneen hafan kan biraa konkolaataa keessa buufamuun gara Kibbaatti fageenyatti geeffaman.
"Wayita karri saaqamu bollaa sadii walitti aanee jiruun arge. Achiinis loltoonni Iraaqi AK47 hidhatan laman arge.''
Dubartoonniifi daa'iimman hedduunsaanii harka haadhaatti baatamanii jiranis konkolaataarraa dirqiin buufamuun gara boollaatti geeffaman. ''Achiinis akkuma diqqaatti loltoonni hundi rasaasa nurratti dhukaasuu eegalan.''
Rasaasnis ciqileesaa gara bitaarra dhahe. "Rasaasni mataadhuma kiyyatti aanee saggoofi mogolleewwan kiyya irraa na rukute. Gutuun lafaa socho'aa ture. Laftis dhiigaan gutamee ture. Akkasumas dugda kiyya irraa rasaasa biraatiin dhahameera. Anis du'a kiyyan eeggachaa ture,'' jedha.
Innis hanga loltoonni achii deemaniitti du'aa fakkaachuun akka carraa ta'ee lubbuun hafe. Achiin booda alkan du'aa keessaa ka'uun baqate.
Achinis gara maatii Bedouin kan isa gargaaran dhaqe. Waggoota sadiif isaanuma waliin erga turee booda firoota isaa lubbuun hafan muraasa argachuun gara Kaabaatti deebi'uun aanga'oota jala dhokataa ture.
Bara 1996'tti Ameerikaa lafa amma jiraatuutti kolugaltummaan kennameef.
Bara 2009tti erga Saadaam Huseen kufiifameen booda Ahimad gara Iraaqiitti deebii'un lafa ajjeechaan jumlaan itti raawwatamee dowwateeera.
"Bakka awaalchaa yoo argu baayyeen nahe. Baayyeen bohees,'' jedha.
"Motummaa Iraaqi qunnamuunis waa'ee awwaalchaa kana ilaachisuun murteen taasifame yoo jiraate akka natti himamuuf gaafadheera.''
Garuu, bara kana baatii Adooleessaa keessa osoo natti hin himiin awwaalcha qotuu eegalan. Qaama namoota dhumaniis naannoo Kurdishitti deebiisanii awwaaluuf karoorfataniiru.
Ahimad waa'ee kanaa hiriyyoota irraa dhaga'ee Ameerikaadhaa gara Iraaqiiitti balalii'e.
Bakkicha keessaas reeffii namoota 170 baafameera. Garuu namoonni awwaalicha qotaa jiran lafeefi qabeenyaa lafa keessatti dhiisaniiru jedha.
Amma aanga'otaan wal dhabuun gochi boolla lafeen haadhaafi obboolaasaa lamaanii keessatti argama jedhe amanuu qotuun akka dhaaban ittisuuf himannaa seeraa baneera.
Yoo hojii qotuu haalaafi kabajaan raawwachuun, akkasumas namoonni ajjeechaa jumlaa kanaaf itti gaafatamoo ta'an seeratti dhiyaatan booda qotuun kan itti fufu ta'uu dubbata.
Akkasumas gocha ajjeechaa jumlaa kana addunyaan akka beeku taasisu barbaada. ''Kaameeraan akka qaama daa'imman dhalattuu omaa hin beekne garuu ajjeefamuun dura morma haadhasaaniitti marana akka mullisuun barbaada,'' jedha.
''Suuraa haadha kiyyaafi obboloota kiyyaarree hin qabu. Hafteesaanii suuraa kaafachuun barbaada,'' jedha.
Qondaaloonni Iraaqi firoota namoota ajjeefamanii waamuun itti gaafatamummaa aanga'oota Kurdish jedhu.
Fawd Osman Taha, dubbi himaan Motummaa Naannoo Warra Kurdootaa akka jedhutti, maatiitti himuun dura lafee namoota kanneenii qorachuun adda baasuu qabu.
''Ragaa walitti qabuunis mana murtii addaa kanneen itti gaafatamtoota ta'an himachuuf aangoo qabuutti ergineerra,'' jedhu Mr Tahaan.
Karoorri Ahimad ammoo hanga gaaffiinsaa deebii argatuutti achuma naannoo awwaalcha jumlaa sana turuudha.
''Waaqni sababiif akka na hambise natti dhagahama. Waaqni ergama guddaa natti kenneere. Innis waa'ee namoota balleessaa hin qabaannee garuu kana booda dubbachu hin dandeenyee kanneen dubbachuudha,'' jedha.