Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Eertiraa: Aanga'oonni 'G15' jedhaman waggoota 18'f hidhaatti dararamaa jiran eenyu?
Aanga'oonni mootummaa 11 sababii bulchiinsa pireezidantii Isaayyaas Afawarqii qeeqaniif bara 2001 hidhamani ergasii gonkumaa waa'een isaanii argamees, dhagaahamees hin beeku.
Namoonni 11 kunneen kan hidhaman pireezidaant Isaayyaas heera biyyattii kabajuun filannoo akka gaggeessuuf xalayaa waan barreessaniifi.
Isaanitti dabalataan ammoo gaazexeessitoonni 17 waa'ee xalayichaa gabaasu isaaniif hidhamanis waa'een isaanii hin dhagaahamne, hin argamne.
Eegdonni isaaniillee achii bahanii waa'ee isaanii akka hin dubbanneef jecha socho'uu hin danda'an jedhama.
Duulli miidiyaa hawaasaa namoonni kunneen hatattamaan akka gadi dhiifaman gaafatu Kibxata 'Amnesty International' eegalsisee itti fufee jira.
Ofii namootni mootummaan Eertiraa iccitii guddaan hidhee eegaa jiru kun eenyu isaan?
1. Mohammuud Ahimad Shariifoo - Pireezidantii itti aanaa Eertiraa kan turaniifi Guraandhala bara 2001 kan ari'aman.
Dhaaba qabsaa'ee walabummaa Eertira mirkaneessewfi amma biyyattii bulchaa jiru 'EPLF' warra hundeessam keessaa tokko.
Ministira mootummoota naannoo fi Ministira Haajaa alaa Eertiraa ta'uunis tajaajilaniiru.
2. Haayile Waldatinsaa'ee - Hanga Adoolessa bara 2001 Ministira Daldalaa fi Indastirii turan.
Sanaan dura wayita Itoophiyaa fi Eertiraan wal waraanaa turaniifi jaarsummaarra turan Ministira Haajaa Alaa Eertiraa turani.
Ministira Maallaqaa akkasumas hogganaa dhinnoota siyaasaa dhaaba 'EPLF' ta'anii tajaajilaniiru.
Namni kun dhibee sukkaaraa qabu.
3. Phexroos Salamoon - Minitira duraanii qabeenya bishaanii kan turan namni kun ajajaa waraanaa fi hogganaa tikaa 'EPLF' turan.
Bara 1977 irraa eegalanii miseensa koree dhimma siyaasaa EPLF turan.
Minirtira Haajaa Alaa ta'uunis tajaajilanii jiru.
4. Meejar jeneraal Birhane Gabragzabiheer - Ajajaa waraanaa fi hogganaa humna addaa biyyaalessaa turan.
Bara 1977 irraa eegalanii miseensa koree dhimma siyaasaa EPLF ta'uunis tajaajilanii jiru.
5. Jeneraal Iqubaay Abiraha - Jeneraala waraanaa fi Itaamazhoor Shuumii humna Waraanaa biyyattii turani.
Ministira Daldalaa fi Indastirii akkasumas Ministira Dhimma Hojjetaa fi nageenya hawaasummaa ta'uun tajaajilaniiru.
Dhibee Asmii hammaataa ta'e qabu.
6. Baraakii Gabrasillaasee - Hanga Caamsaa bara 2001 Jarmanitti ambaasaaddara Eertiraa turan.
Sanaan dura Ministira Barnootaa fi Ministira Odeeffannoo fi Aadaa ta'uun tajaajilaniiru.
7. Birgaader Jeneraal Isxifaanoos Siyyuum - Waraana keessatti birgaader jeneraal kan turan, hanga bara 2001'tti ammoo hogganaa tajaajila galii biyya keessaa ta'anii tajaajilaniiru.
8. Jarmanoo Naatii - Bulchaa naannoo turan.
9. Saleeh Idiriis Kekiyaa - Ministira Geejjibaa fi komunikeeshinii, Ministira itti aanaa Haajaa Alaa akkasumas hogganaa waajjira pireezidantii turan.
10. Hamad Hamiid፡ Ministeera Haajaa Alaa keessatti itti gaafatamaa muummee Jiddugaleessa Bahaa akkasumas Sudaanitti ambaasaaddara eertiraa turan.
11. Asteer Fissahaatsiyoon - Ministeera dhimma hojjetaa fi hawaasummaa keessatti direektara, Miseensa hoji raawwachiiftuu waldaa dubartoota Eertiraa biyyaalessaa kan turan.
Bara 1977 irraa eegalee qondaala 'EPLF' fi haadha warraa duraanii Mohammud Ahimad Shariifooti. Bara 2001 hidhaman.
Waa'een namoota kana wanti beekamu hin jiru.
Gabaasaaleen hin mirkanoofne yeroo adda addaa bahan kaan dhibamuu, kaan qaroo dhabuu, kan du'anillee jiraachuu hima.
Mirkaneessuun garuu hin danda'amne. Mootummaanis waa'ee jara kanaa hin dubbatu.