Jaappaanitti kilabni tapha Raagbii maanguddoota umurii 90 olii ammayyuu hirmaachisaa jira
Dorgommii Waancaa Raagbii Adunyaa Jaappaanji'a keessumeesitu irratti kilabootni taphattota ganna 40 olii 150 kan hirmaatan yoo tahu Kilabni Fuwaku jedhamu taphatoota umurii waggaa 90 olii sadii dabalatee dhiyaateera.

Madda suuraa, Kim Kyung-Hoon / Reuters
Taphattota Raagbii Jaappaan 120,000 keessaa 10,000 kan tahan umuriin isaanii waggaa 40 olidha.

Madda suuraa, Kim Kyung-Hoon / Reuters

Madda suuraa, Kim Kyung-Hoon / Reuters

Madda suuraa, Kim Kyung-Hoon / Reuters
Riyuchi Nagayama (kana gadii gara bitaa ka jiru ),manguddoo ganna 86 yoo tahu, tapha keessatti wal kuffiisuun falmii guddaa taasifna, booda garuu hedduu nama gammachiisa jedhe.

Madda suuraa, Kim Kyung-Hoon / Reuters
"Haala akkamiin akka taphannu waliin ni haasofna. Tapha keessatti nami tokko iyyuu walitti hin aaru. Miira gaarii qaba.''

Madda suuraa, Kim Kyung-Hoon / Reuters
Akka hakiima tokkootti umurii kanaan tapha ulfaataa akkasii taphachuun miidhaa akkamii qabaachuu akka danda'u Mr Nagayamaan ni beeku. Haa tahu malee
Kilabni Raagbii Fuwaakuu eeggannoo fayyaa godhamuu qaban ilaalchisee marsaritii isaa irratti barreessee dhaabbilee inshuraansii fayyaa umurii guutuus tahuu akka qaban gorsa.

Madda suuraa, Kim Kyung-Hoon / Reuters
"Ergan kilaba kana galee yeroo baay'ee lafeen cinaachaa koo cabeera. Yeroo miirri gaariin natti hin dhagahamnetti dawwaan fudhadha.
Haala kanaan gara taphaattin deebi'a. Osoo hin taphatiin jiraachuu hin danda'u. Kun waan haaraa tahuu danda'a ,garuu haati manaa koos waggoota muraasa dura boqoteetti.
Kanaafuu osoon kubba Raagbii taphadhuu yoon du'e homaatti iyyuu hin lakkaa'u.''
Mr Nagayamaan mana jireenyaa isaa keessatti osoo haadha warraa isaa boodaaf bakka aarsaatti kadhatuu mul'ata.

Madda suuraa, Kim Kyung-Hoon / Reuters
Taphataan biraa kilabii Fuwakuu Toonii Hartilii ganna 71 kan tahe lammii UKti.
''Tokiyoo torbaffaa bakka jedhamun ture. Nama cinakoo taa'aa ture tokkotti haasa'aan ture. T-shirtii Kilaba Raagbii Fuwaakuu erga 1948 jedhu uffatee ture.
Bara ani dhaladhe jechuudha. Baay'ee natti tole.
Torbee dhufu geesseen si barsiisa jedhee akkuma na geesse jennaan amma waggoota torbaaf achi taphataan jira.
Baay'een ajaa'ibsiifadhe. Sababni isaas UK keessa waan akkasii waan hin jirreef, bakka hiriyyota itti horatudha.''

Madda suuraa, Kim Kyung-Hoon / Reuters
Suuraan Kiim Kiyaang-Hoon.














